Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Hojiiwwan hojjennu yeroo gara yerootti milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo KaffaalooTafarraa.
Obbo KaffaalooTafarraan waltajjii gamaggamaa gaggeeffamaa jiru irratti haasawa taasisaniin, hojiiwwan damee hundaan karoorfaman raawwiin isaanii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun bara kana ammoo caalmaatti bu’aa jajjabeessaa kan argame ta’uu kaasan.
Hawaasni naannoo keenyaa hanqina keenyaa osoo nuti hin lakkaa’in bahee nu filaateera jedhan.
Milkaa’ina Filaannoo waliigaalaa7ffaaf hawaasa dabalatee hoggansi aarsaa kaffaluu eeran.
Galiin naannichaa Birrii biiliyoonaa 300 fi biiliyoona 35 gahuu kaasan.
Piroojeektoonni garaagaraa kumni 200 fi kumni 12 tajaajilaa hawaasaaf banaa ta’aniiru jedhan.
Hojii qonna irratti hojjetameen Bunaa fi kanneen biroo irratti jijjiiramni qabataman argamuu himuun, bara baajataa 2018 keessa harcaatii muraasni mudachuu ibsan.
Hanqinaalee turan bara baajataa 2019 keessa furuuf kan hojjetamu ta’uu eeran.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia