Itiyoophiyaan Seenaa ishee bara dheeraa keessatti bu’aa bahii hedduu dabarsiteetti.
Waraanni gaggeeffameera, mootummaan jijjiirameera, dhaloonni waljijjiireera.
Baroota dheeraaf garaagarteen siyaasaa Itiyoophiyaa hiikkachaa kan ture afaan qawween, wayita rakkoon mudate gara dirree waraanaa fiiguu malee mari’atanii furuun hin baramne.
Itiyoophiyaanoonni teessoo tokkorra taa’anii waa’ee isaanii mari’achuun carraa isaanii murteessuuf kan waliigalan amma qofa.
Kunis seenaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atee fi dhagahamee kan beekne boqonnaa haaraadha.
Muuxannoo waldhabdee afaan qawween, humna, walitti bu’iinsa callisaan darbuu cabsuun yeroo jalqabaaf Maree Biyyaalessaa dhugaa ta’e gaggeessuuf fiixerra geenyerra.
Imalli kun waan akka salphaatti ilaallamuu miti.
Garaagartee akka miidhaginaatti fudhachuun, qormaatilee gamhedduu biyyattii mudate keessaa bahuu fi xinsammuu biyyaalessaa cimaa ta’e ijaaruuf tarkaanfii seenaa qabeessa.
Waltajjii seenaa dhaloonni hawwiin eeguu fi murteessaa ta’e Maree Biyyaalessaa gaggeessuuf guyyoota lama qofatu hafe.
Boqonnaa haaraa, madaa ture fayyisuu fi mul’ata waloo egeree bocuuf murteessaadha.
Ijoolleen Itiyoophiyaa garaagarteen isaanii miidhagina, tokkummaan cimanii seenaa haaraa barreessuuf guyyoota lama qofatu hafe.
#Oromia #Ethiopia