Imala kabaja namoomaa goonfachiisu…

Guddinni diinagdee biyya tokkoo hiikoo kan qabaatu, sadarkaa jireenyaa lammiilee fooyyessuu fi kabaja namoomaa mirkaneessuu yoo danda’eedha.

Wixinewwan karooraa kana dura ture fayyadamummaa ummataa mirkaneessurra godaansaaf kan saaxile ture.

Kanaafis jireenya qonnaan bultoota naannawaa Finfinnee yeroo sanaa yaadachuun gahaadha.

Misoomni lafa isaanii malee isaan tilmaamama keessa kan galche hin turre.

Sababa kanaan hedduun isaanii qe’ee isaaniirratti mirga dhabanii turan.

Yaadamni ida’amuu garuu misoomni kamiiyyuu nama kan bu’uureeffate akka ta’u taasiseera.

Pirojektoonni misoomaa ummata giddu galeessa godhatan jireenya lammiilee naannoo hundatti dhugaadhaan jijjiiruuf bocamanii hojiirra oolaa jiru.

Fakkeenyaaf, haaromsa manneen harka qalleeyyii fi ijaarsa qe’ee mana jireenyaa, misooma koridoorii fi bifa magaalaa jijjiiruu, ashaaraan magariisaa, bakka bashannana ummataa, carraa hojii uumuu fi lammiilee gargaarramtummaa jalaa baasuu hojiilee hedduun hojetamaniiru.

Manneen harka qalleeyyiii haaromsuu fi ijaarsa qe’ee jireenyaan hojiin kabaja namoomaa mirkaneessan raawwatamaniiru.

Tajaajilli Tola ooltummaa gannaa jireenya lammiilee hedduu jijjiireera.

Biyya keenya waloon kaasuu kan dandeenyu tokkoon keenya kaaniif harka keenya yoo diriirsine qofadha, Itiyoophiyaanonni hundi hojii kanarratti akka hirmaatan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessanii turan.

Pirojektichi lammiileen sadarkaa jireenyaa gadi aanaa qaban mana jireenyaa qulqulluu fi ammayyaa argachuun kabajni namoomaa isaanii eegamee akka jiraatan taasiseera.

Fayyadamummaa lammiilee guddisuuf hojiiwwan nama irratti xiyyeeffatan hedduun kan raawwataman yoo ta’u, gochi tajaajila tola ooltummaa gaggeessuu yeroodhaa gara yerooti guddachaa dhufeera.

Kunis fedhii bu’uuraa lammiilee guutuu keessatti gahee olaanaa bahataa jira.

Pirojektiin sagantaa nyaataa manneen barnootaa keessatti eegalame lakkoofsi daa’imman sababa hanqina nyaataatiin barnoota addaan kutanii haalaan hir’isuu danda’eera.

Akkasuma dhiibbaa jireenya maatiif salphisuun qulqullina barnootaa dabaleera.

Lammileen jireenya mijataafi miidhagaa Itiyoophiyaa madaalu akka jiraataniif Misoomni Koriidarii Magaalaa Finfinnee fi magaalota birootti eegale bu’aa gaarii galmeesseera.

Magaalummaan beekumsaa fi karooran yoo hin hogganamne magaalonni rakkoolee garaagaraaf saaxilamoo ta’uu akka danda’an Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yeroo adda addaa dubbata turan.

Kanaafis hojmaata dura ture hambisuun misoomni Koriidarii badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu danda’u bal’inaan hojiirra oolaa jira.

Misoomni Koriidarii magaalaa Finfinneefi magaalota birootti hojjetaman bifa magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa tuurizimii guutummaatti jijjiireera, akkasumas jiraattotaaf haala mijataa uumeera.

Naannawa jireenyaafi hojii lammiilee fooyyessuudhaan jijjiirama dinagdee, hawaasummaafi sirnakkoo hundagaleessa galmeessisaa jira.

Bifa magaalotaa jijjiiruu bira darbee gandoota baadiyyaa keessattis bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.

Paarkiiwwan magariisaa jiraattonni bilisaan ittiboqotanii dubbisuu danda’an, akkasumas dirree ispoortii guddattootaaf bal’inaan ijaaramaniiru.

Kunis agarsiiftuu bu’uuraalee misoomaa namarratti xiyyeeffatan dhala namaaf dursa kennaniiti.

Magaalonni halkan illee nageenyasaanii eeggachaa sochii daldalaafi dinagdee akka keessummeessan taasiseera.

Walumaagalatti misoomni koriidarii kun kabaja, fayyaafi badhaadhina waliigalaa dhala namaa qabatamaan mirkaneessuu eegaleera.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban keessa Itiyoophiyaan hojiirra oolchite, lafa biqiltuun uwwisuu bira darbee bifa biyya guutummaatti jijjiiruun milkaa’ina qabatamaa galmeessisaa jira.

sagantaa mallattoo jijjiiramaa ta’ee argameera.

Biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaawwaman dhaabuu fi kunuunsuudhaan uwwisni bosona biyya sadarkaa olaanaan guddateera.

Sagantaan kun eegumsa bosonaa baramaa ta’e irra darbee damee qonnaatiif xiyyeeffannoo addaa kenneera.

Biqiltuuwwan akka Abukaadoo, Maangoo, Paappaayaa fi Bunaa firiidhaan badhaadhan miliyoonaan waan dhaabamaniif, qonnaan/horsiisee bulaan madda nyaataa fi galii dabalataa akka argatan godheera.

Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, sagantaawwan Maaddiin Shaggar, Dhalootaa fi Biyyaan paarkiwwan guguddoo fi bakkeewwan Bashaanannanaa uumamaniiru.

Piroojektoonni misoomaa yaadama ida’amuu lammiilee gara oomishtummaatti ceesisaa jiru.

Piroojektoonni misoomaa namarratti xiyyeeffatan deeggarsa yeroo qofa osoo hin taane rakkoolee jiran waaraan kan furaniidha.
Misoomni Koriidarii, Paarkileen Indaastirii fi qonni magaalaa lammiilee hedduuf carraa hojii uumaniiru.

Lammiileen misooma seeftineetii magaalaan gargaaramaa turan gara hojii dhaabbatti akka ce’an taasiseera.

Piroojektoonni misoomaa namarratti xiyyeeffatan dhala namaaf hanga barbaachisoo akka ta’an qabatamaan agarsiisaniiru.

Piroojektoonni kunneen fedhii bu’uuraa lammiilee guutuurra darbee, hawaasa gidduutti aadaa waltumsuu, waliin hojjechuufi tajaajila tolaa guddisaniiru.

Waliigalaan hojiileen misoomaa namarratti xiyyeeffatan imala badhaadhinaa saffisiisuu fi nageenya waaraaf bu’uura cimaadha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment