Finfinnee, Waxabajjii 11, 2017(FMC) – Garee Itiyoo Ijiinaringitti Industiriin Oomisha Maashinaroota Qonna Adaamaa maashinoota ammayyaa’oo 50 Biiroo Qonnaa Naannoo Somaaleef dabarseera.
Hoji gaggeessaa Ol’aanaan Itiyoo Injiinariingi Koloneel Shaggaa Mulugeetaa sirna kana irratti akka himanitti, Dhaabbanni Itiyoo Injinariingi qonna ammayyummaan deeggarameen itti fufiinsa guddina biyyaa fiixaan baasuuf xiiqiin hojjetaa jira.
Dhabbatichi hundeeffama isaarraa kaasee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun diinagdee biyyaa guddisuuf hojjetaa jiras jedhan.
Yeroo dhiyootti, meeshaalee alaa galan bakka buusuun ofiif oomshuun guddinni biyyaa akka saffisuuf ni hojjenna kan jedhan ammoo hoji gaggeessaa Industirii oomisha Maashinaroota Qonnaa Adaamaa Dooktar Shimallis Xilahuun.
Industiriin kun Maashinoota ammayyaa’oo, tiraaktarootaa fi paampiiwwan garaagaraa hojjechuun biyyi akka bu’aa argattuuf hojjechaa jiras jedhan.
Dinagdee biyyaa guddisuuf yeroo hunda wal taanee hojjechuun mul’ata guddinaa biyyi qabatte haa dhugoomsinuus dhaaman.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo sumaalee Obbo Mohammad Ahimad gama isaaniin, Maashinoota ammayyaa’oo kanneen haalaan itti fayyadamuun diingdeen qonnaa akka jabaatu kan hojjetan ta’uu dubbatan.
Qonnaan bultoonni qonna makkaanaayizeeshiniin deeggarameen oomishanii jiruu fi jireenya isaanii jijjiiruurra darbanii biyyaaf ashaaraa isaanii akka kaa’aniif akka hojjetanis mirkaneessan.
Mootummaan naannoo Somaalees, fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetaa jiruudha kan jedhan obbo Mohaammad, bara baraanis maashinoota qonnaan bultootaaf dhiyeessuun fedhii qonnaan bultootaa guutaa jiraachuus kaasan.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.