Irreecha Hora Finfinnee sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019(FMC)- Irreecha Hora Finfinnee Fulbaana 23, 2019 Finfinneetti kabajamu sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffameera.

Duula qulqullinaa Kanaan iddoo Irreeffannaa dabalatee naannawaan isaa qulqulleeffamuu ibsameera.

Duula qulqullinaa kanarratti Itti gaafatamaa Waaajjira Paartii Badhaadhinaa Damee magaalaa Finfinnee Dooktar Jamaaluu Janbar fi Abbootii Gadaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.

Irreechi Ayyaana tokkummaa, jaalalaa, nagaa fi araaraa ta’uu wayita kana ibsameera.

Keessummoota Ayyaanicha irratti hirmaatan simachuun akkasumas milkaa’inaan kabajamee akka xumuramuuf hundi itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu dhaamameera.

Saaraa Siyyumtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment