Finfinnee, Fulbaana 19, 2019(FMC)- Biyyoonni tokko tokko bal’ina kaartaa isaaniin madaalamu; Itiyoophiyaan garuu seenaa cimaa; heddummina uummataan madaalamti.
Biyyi baay’ina uummataa miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabdu kun sabaafi sabalammoota 80 ol gaaddisa tokko jalatti walitti qabdeetti.
Tokkoon tokkoo sabaafi sablammii afaan fi aadaa mataa isaanii qabaatanis hundi maqaa tokkoon waamamu; lammiilee Itiyoophiyaa kan jedhuun.
Biyya kana keessa Kiristaanniifi Islaamni, Masjiidniifi Manni Amantaa Kiristaanaa waggoottaniif ollummaan waliin jiraataniiru; ijoolleen amantaalee garaagaraa qabanis waliin ta’uun maaddii tokkorraa qooddatu.
Kun immoo akka carraa kan argame osoo hin taane bu’aa waloomaa waggoottaniiti.
Itiyoophiyaan biyya argama dhala namaati; Luusiin dachee kanarraa argamte; ragaa saayinsawaa seenaan dhala namaa Itiyoophiyaarraa akka eegale mirkaneessu.
Qaroomina Aksuum, Manneen Amantaa Kiristaanaa Laallibalaa, Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaar jechaa yoo tarreessine, kunneen hundi ashaaraa qaroomina guddaati.
Itiyoophiyaan biyya qubee mataa isheefi sirnoota barreeffama durii waggoota kuma 2 ol tajaajilan qabdudha.
Kaalaandarii mataa ishees kan qabdu yoo ta’u, addunyaan gara 2026’tti wayita ce’eetu Itiyoophiyaan kaalaandara mataa isheen imalti.
Aadaafi gosoota nyaataa mataa ishees qabdi; Buddeena, sirna buna danfisuu, muuziqaafi shubbisa addaa biyya qabdudha.
Seenaan kun hundi Itiyoophiyaa adda taasisa. Haa ta’u malee Itiyoophiyaan seenaa ishee qofaan hin jiraattu. Fuuldurees ni ilaalti.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad irra deddeebiin” Qabeenyi keenya guddaan uummata keenya; Itiyoophiyaan uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 oliifi dandeettii oomishaa guddaa qabdi” jechuun ibsaa turaniiru.
«Itiyoophiyaan biyya gamtoomteefi badhaate ni taati; ijoolleen keenya Itiyoophiyaa fooyyofte ni dhaalu” jechuun mul’ata guddaa kaa’aniiru.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa giddugala badhaadhinaa Afrikaa ta’uuf hojjechaa jirti.
Fooyyessiiwwan diinagdee hojiirra oolaniiru; bu’aa qabatamaas fidaniiru.
Hidhi Guddichi Haaromsaa xumuramuun anniisaa maddisiisuu eegaleera. Lafti misoomuu danda’u, qabeenyi albuudaafi miidhaginni uumamaa ishee hundi dandeettii guddaa ammallee itti hin bu’amne qabu.
Itiyoophiyaan biyya guddoodha, baay’ina uummata isheen qofa osoo hin taane gara bal’ina isheetiinis.
Biyya guddoodha; lakkoofsaan qofa osoo hin taane jabina tokkummaa isheen.
Biyya mul’ata guddaa qabdudha; seenaa darbe kabajuun gara fuulduraatti kan imaltu; biyya carraa ishee ofiin murteeffattu.