Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Burundiin nageenyaa fi badhaadhina Afrikaaf walitti hidhamiinsaan hojjetu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Pireezidaantiin Burundii fi Dura Taa’aan yeroo Gamtaa Afrikaa Eevaariistin Nidaayishimiyee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu isaanii hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsanii turan.
Eevaariistin Ndaayishimiyeen ergaa baga gammaddanii kana dabarsuu hordofee Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.
Itiyoophiyaa fi Burundiin walitti hidhamiinsa obbolummaa gadi fagoo qabaachuu fi nageenyaa fi badhaadhina Afrikaaf tumsan hojjetu jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Itiyoophiyaan michummaa biyyoota lamaaniif iddoo guddaa kan laattu ta’uu kan eeran Dooktar Abiy Ahimad, faayidaa ummatoota fi ardichaaf tumsa qaban cimsuuf murannoon jiraachuu kaasan.
#Oromia #Ethiopia