Itiyoophiyaa wiirtuu humnaafi loojistiksii naannawichaa…

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018 (FMC)- Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaafi buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu Itiyoophiyaan wiirtuu humnaafi loojistiksii naannawichaa ta’uu mirkaneessaa jiru jedhan Ministirri Dhima Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.

Fooramiin daldalaafi invastimantii Itiyoophiyaafi Ingiliz 6ffaan magaalaa Landanitti gaggeeffameera.

Dooktar Geediyoon wayita kana Itiyoophiyaan fooyyessii diinagdee mandhaleen rakkoolee sharafa alaa furuun invastimantiif haalli mijataan uumamuu ibsaniiru.

Mootummaan iftoomina dhaabbattummaa fooyyessuun yaaddoowwan abbootiin qabeenyaa kaasan furuuf kutannoo qabaachuus kaasaniiru.

Xiyyeeffannoo addaa anniisaa haaromfamaaf kennameen Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalatee maddeen anniisaa garaagaraa fedhii biyya keessaa guutuurra darbee Itiyoophiyaa wiirtuu anniisaa naannawichaa taasisaa akka jiran eeraniiru.

Buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuus dameewwan aviyeeshinii, loojistiksii, ijaarsaafi tuurizimiin filmaatawwan invastimantii fi carraa hojii bal’aa uumaa akka jiru ibsan.

Dhaabbileen daldalaa Ingiliz hojiilee invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ingilizitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biruuk Mokonnin gamasaaniin, dameewwan diinagdee waggoottan jaatamman darbaniif damee dhuunfaaf cufamanii turan riifoormii dhaabbilee faayinaansiin deeggaramuun banamuu kaasaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment