Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Dura Taa’ummaa Mana Maree Ministiroota Tumsa Anniisaa Afrikaa Bahaa Ijiptirraa fudhatte.
Walga’iin addaa Koree Istiriingii Walitti hidhamiinsa anniisaa Afrikaa Bahaa 37ffaan Finfinneetti eegale har’as itti fufuun gaggeeffameera.
Biyyoonni miseensichaa Olaantummaan seeraa fi waliigaltee hundeeffama dhaabbatichaa garaagarummaa malee kabajuu akka qaban Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan ibsaniiru.
Kana dura ce’umsa dura taa’ummaarratti garaagarteen uumamee turuu kaasuun, akkaataa seeraa hordofee Itiyoophiyaan dura taa’ummaa fudhachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu ta’uu eeran.
Miseensonni mana marichaa yaada murtoo raggaasisuun gabaa anniisaa naannawichaa fi tokkummaa akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.
Zabiib Taklaayiin
#Oromia #Ethiopia