Itiyoophiyaan guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol dhaabuun riikardii cabsite- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol dhaabuun riikardii cabsite jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa ooleen lammiileen miiliyoonni 26 ol kallattiin hirmaachuu ibsaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Kanaan biqiltuun miiliyoonni 800 fi miiliyoonni 5 fi kumni 300 ol dhaabbachuu eeraniiru.

Milkaa’inni galmeessine kun biyyoota hedduutti yaadamuu danda’a, raawwatamuu garuu hin danda’u jedhan.

Uummata Itiyoophiyaa milkaa’ina kana galmeessisan hunda galateeffataniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment