Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti – Pireezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan maatii irraa eegaltee wabii nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti jedhan pirezidaantiin FDRl Taayyee Atsqa Sillaaseen.

Sirni ifoomsa gabaasa Wabii Nyaataa fi Nyaata Addunyaa bara 2025 kan yaa’ii Sirna Nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jiru cinatti gaggeeffame irratti kan rgaman Pirezedaanti Taayyee Atsqa Sillaaseen, Addunyaa irratti gatiin nyaataa dabalaa dhufuun furmaata waloo akka barbaadu hubachiisan.

Gatiin nyaataa dabalaa dhufuun keessumaa lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti miidhaa akka qabu hubachiisanii, rakkoo kana hiikuuf biyyoonni tumsaa fi furmaata waloo qabaachuu akka qaban dubbataniiru.

Ityoophiyaan wabii nyaataa ishee mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirtis jedhan.

Sadarka maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti Sagantaan Maaddii Huutuu bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Lammiilee galii gadi aanaa qabaniif wabii nyaataa karaa Sagantaa seeftiineetiin mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru.

Dhiyeessii nyaataa addunyaa irratti nageenya qabu mirkaneessuu fi nagaa cimsuuf biyyoonni tokkummaan dhaabbachuu akka qabanis eeraniiru.

Itti Aantuun Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mohaammad gama isaaniin akka jedhanitti ammoo, gatiin nyaataa dabalaa dhufuun namootni hedduun addunyaarratti nyaata akka hin arganne taasiseera.

Jijjiiramni qilleensaa fi walitti bu’iinsi adda addaa dhiyeessii fi gatii nyaataa addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuus hubachiisaniiru.

Daa’imman hedduun sababa hanqina nyaataatiin barnoota ala ta’uus eeran.

Addunyaa irratti walitti bu’iinsa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu, kanaafis tumsi waloo fi tarkaanfii qabatamaa akka barbaachisu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment