Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaafi guddina waloof kutannoon ni hojjetti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.
Walga’iin Ministirootaa Faayinaansii Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jira.
Obbo Ahimad Shideen ergaa Viidiyoo Konfiransiin dabarsaniin, Itiyoophiyaan pirojektoota naannawicha bu’uuraalee misoomaan walitti hidhan ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.
Akka fakkeenyaattis pirojektii dabarsa boba’aa Itiyoo-Jibuutii dhiyeenya jalqabame kaasanii, nageenya inarjii naannawichaa akka cimsuufi baasiiwwan loojistiksii akka hir’isu eeraniiru.
Itiyoophiyaan Dura Teessuu Neetwoorkii Daddabarsa Anniisaa Baha Afrikaa ta’uu ibsuun, karaa Hidha Guddicha Haaromsaan dhiyeessii anniisaa qulqulluu naannawichaa irratti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan murtoowwan walga’ii Ministirootaa Daldalaa Afrikaa Bahaa torban tokko dura Finfinneetti gaggeeffame irratti darban akka deeggartus ibsaniiru.
Afrikaan Bahaa dhiibbaa rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaa keessa seenaa jiraachuu eeruun, dandeettii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu cimsuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Tumsa Baankiin Arabaa biyyoota Afrikaa Bahaa waliin uume dinqisiifachuun, deeggarsa Baankichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Waltajjicharratti naannawichatti daldala cimsuun dhimma dursi kennamuuf ta’uu akkasumas biyyoota miseensota gidduutti marii walitti fufiinsa qabu gochuun barbaachisaa akka ta’e waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Miikiyaas Ayyalaan.