Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon Itiyoophiyaanonni ida’amuun wanta karoorsan milkeessuu akka danda’an mul’isaniiru jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo guutuu biyyattiitti har’a gaggeeffamaa ooleen biqiltuun miiliyoonni 800 fi miiliyoonni 5 fi kumni 300 ol dhaabbachuu ibsaniiru.
Milkaa’inni sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sosochii biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni ida’amuun wanta karoorsan milkeessuu akka danda’an agarsiise ta’uus eeraniiru.
Waloomni sagantichaan mul’isne dhimmoota biroorratti tokkummaan dhaabachuun, ida’amuun fi ijoollee keenyaaf abdii kennaa haa milkeessinu jechuun dhaamaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa bara Kanaan hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 6 fi miiliyoonni 500 dhaabamuus ibsaniiru.
Tigist Gizaachoon.
#Oromia #Ethiopia