Itti gaafatamummaa nutti kennameen dhugaa, kutannoofi amanamummaan ni tajaajilla- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Itti gaafatamummaa nutti kennameen dhugaa, kutannoofi amanamummaan ni tajaajilla jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, paartiin keenya Paartiin Badhaadhinaa biyya keenya ijaaruufi imaammataafi tarsiimoo Itiyoophiyaanota hunda fayyadamoo taasisu bocee hojjechaa akka jiru hubattanii ejjennoo ifaa qabachuun tumsa yeroo maraafi gama maraan dammaqinaan hirmaachuun deeggarsa taasiftaniif galatoomaa jedhaniiru.

Filannoon Itiyoophiyaa hojii biyya ijaaruu akka ta’es ibsaniiru.
Cichoomina uummanni keenya ijaarsa sirna diimokiraasiif agarsiise, fedhii misooma biyyaa eegalame itti fufsiisuuf qabu fi imalli nageenya waaressuu akka milkaa’uuf paartii keenyaaf irra deebiin itti gaafatamummaafi imaanaa guddaa kenneera jedhan.

Itti gaafatamummaa nutti kennameen dhugaa, kutannoofi amanamummaan tajaajiluun uummata keenya ni kiisna jechuun ibsaniiru.

Paartiin keenya tumsa sektara dhuunfaan badhaadhinni keenya ni milkaa’a jedhee amanas jedhan.

Kanaaf tattaaffii sektarri dhuunfaa ijaarsa biyyaa keessatti taasisuuf deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessuun, tumsaan hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment