Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) –Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii jalqabaa marsaa 4ffaa gaggeessaa jiruun Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa magaalichaa taasisuun muudeera.
Aadde Adaanech Abeebeen muudamaan booda haasawa baniinsaa taasisaaniin imaanaa guddaa nutti kenname haqummaan raawwachuuf ni hojjenna jedhan.
Jiraattoota magaalichaa hunda qixaan, amanamummaa fi kabajaan tajaajiluuf dirqama keenya ni baana jechuun ibsan.
Finfinnee Irra deebiin akkaan hogganuuf carraa fi imaanaa natti kennameef nan galateeffadha jedhan.
Magaalaa hundi qixa irraa fayyadaman, jireenyaaf akkaan mijattuu fi akka maqaa ishee miidhagduu taate caalmaatti taasisuuf kan hojjetan ta’uu eeran.