Kaayyoon Itiyoophiyaa gahuu yookaan hordofuu osoo hin taane dursuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Kaayyoon Itiyoophiyaa gahuu yookaan hordofuu osoo hin taane dursuudha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Yaa’iin biyyaalessaa ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’ jedhu gaggeeffameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasawa yaa’icharratti taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 qabdu, birmadummaa ishee kabachiistee jiraattee fi seenaa qorooma durii qabdu ta’uu yaadachiisaniiru.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa tattaaffii uummataan ijaaramuun isaa kanaaf agarsiistuudha jedhan.

Itiyoophiyaan waggoottaniif ga’umsa isheerra qormaatilee isheen ibsamaa akka turte yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu bu’aaleen diinagdee, dhaabbilee fi hawaasa keessatti argamuu eegaluu eeraniiru.

Fooyya’iinsonnii yeroo ammaa gaggeeffaman guddina saffisiisuu fi dhaloota egereef bu’uura cimaa kaa’uuf kan yaadaman ta’uu ibsaniiru.

Bu’uura Kanaan qaala’iinsi gatii jalqaba bara kanaa %30 ol irra ture sadarkaa olaanaan hir’achuu eeran.

Dabalataanis bara baajataa kanatti diinagdeen Itiyoophiyaa %10.2 ni guddata jedhamee akka eegamu hubachiisuun, kunis ardicharraa guddina saffisaa ta’uu kaasan.

Milkaa’inoonni kunneen akka carraa kan argaman osoo hin taane bu’aa hojiilee karooraan hojjetamanii ta’uu eeruun, tokkoon tokkoo fooyya’iinsaa duuba namoonni jireenyi isaanii jijjiiramee akka jiran dubbataniiru.

Guddinni madaalamuu kan qabu ijaarsa dhaabbileefi fooyya’iinsa jireenya namootaan ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment