Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Tajaajila Dijiitaalawaa Giddugala Tokkoo Masoob 8ffaa hojii eegachiisaniiru.
Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti barii xumura filannoo waliigalaa 7ffaatti Tajaajila Giddugalaa Tokkoo Masoob Addis tajaajilamtootaaf bananiiru.
Waadaa uummataaf galleen har’a kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti gamoo Abbaa darbii 7 ijaaramee fi Tekinooloojiin guutamee foddaawwan namoota 96 altokkottii keessummeessuu danda’u qabu keessatti Tajaajila manneen hojii mootummaa 22 eegalchiisneerra jedhan.
Giddugalichi qulqullina sadarkaa olaanaan miidhagee, qaama-miidhamtootaaf miijataa,bakka tursiisa daa’mmanii kan qabuu fi hojjettootaafis ta’e tajaajilamtootaaf haala miijatuun kan ijaarame ta’uus ibsan.
Fuulduraafis tajaajiloota hedduu gara giddugalaatti galchuun jiraattonni tajaajila saffisaa fi haqa qabeessa akka argataniif ni hojjennas jedhan.
Tajaajilli giddugala Tokkoo masoob adeemsa biirokraasii bu’aa ba’iin guutamee fi matta’aan isin nuffisiise irraa kan isin bilisoomsu waan ta’eef Jiraattonni magaalattii baga gammaddan erga jedhanii booda, bakkaan utuu hindaangeffamin giddugala isinitti dhiyaatu kamittuu tajaajilamaa jechuun hubachiisaniiru.
Giddugalichi xumuramee hojii akka eegaluuf qaamolee tumsan maras galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia