Finfinnee, Bitootessa 26, 2018(FMC)- Karoorri bara 2019 wixineeffamu, dandeettii ariitiin ofjijjiiruu keenya kan murteessudha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yeroon kun boqonnaa qophii karoora bara 2019 qofa osoo hintaane, seenaa guddina dinagdee naannoo keenyaa keessatti waqtii jijjiirama buโuuraa ittijalqabnudha jedhan.
Guutuune ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
๐ค๐๐๐๐๐๐ง๐ข๐ข ๐ค๐ข๐ฃ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐ข๐ข๐ฅ๐ ๐๐๐ฅ๐ ๐ฎ๐ฌ๐ญ๐ต: ๐๐ ๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐ ๐จ๐ง๐๐๐๐๐๐ข๐ข
Ergaa cimaan kun hoggansaafi caasaa mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiran kan ilaallatudha. Yeroon kun boqonnaa qophii karoora bara 2019 qofa osoo hintaane, seenaa guddina dinagdee naannoo keenyaa keessatti waqtii jijjiirama buโuuraa ittijalqabnudha. Karoorri misoomaa hedduun aadaa walirraa waraabuu (copy-paste)โfi sirna xiinxalaa sirrii dhabuun osoo hinmilkaaโin yemmu hafan niโagarra. Harโa irraa eegalee, rincicummaan โyeroo hunda haala kanaan hojjennaโ jedhu cabuu qaba. Imalli ceโumsaa keenya gulantaa ittaanutti akka ceโu, karoorri keenya kan haala qabatamaa, ragaa qulqulluufi beekumsa dinagdeerratti ijaarame taโuu qaba.
Mootummaan Idaaโamuu, mootummaa kalaqaati. Kalaqni ammoo motora mootummaati. Buโuuruma kanaan, qophii karoora bara 2019 keessatti utubaawwan siyaas-dinagdee armaan gadii kanniin akka galtee ijootti fayyadamuun barbaachisaadha.
1. ๐๐ผ๐๐๐ผ๐ผ๐๐๐๐๐๐ ๐ผ๐ฟ๐ฟ๐ผ๐ผ (๐๐๐๐๐๐ผ๐๐๐๐๐): ๐๐๐ก๐๐ฆ๐ ๐๐๐ฃ๐๐ ๐ฝ๐๐ก๐๐๐๐ฃ๐๐๐ฉ๐ฉ๐
Yaadamni Idaaโamuufi kalaqni adda hinbahan. Karoorri keenya adeemsa baramaa irraa bahuu kan dandaโu, inisheetivii ifa taโe yoo qabaate qofa. Karoorri keenya inisheetivii baadiyyaa, magaalaa, indastirii, turizimii, dinagdee dijitaalaa, barnootaafi kkf hammachuu qaba. Haataโu malee, inisheetiviin Baldhina hinqabne, yaalii (pilot) bira taree madda jijjiiramaa taโuu hindandaโu.
Fakkeenyaaf, inisheetiviin qonnaa tokko, inisheetivii jedhamuuf yooxiqqaate lafa hektaara 200 ol uwwisuu qaba. Kalaqa jechuun yaada babbareedaa tarreessuu osoo hintaane, inisheetivoota keenya baayโina, ariitiifi qulqullinaan hojiitti hiikuudha.
2. ๐๐๐๐๐๐ผ๐๐ผ ๐ฟ๐๐๐ฝ๐๐๐๐ ๐ฝ๐โ๐ผ๐ผ๐๐๐ ๐๐ผ๐๐ผ๐ผ๐๐๐ผ๐๐๐ ๐๐๐๐ฟ๐ผ๐ผโ๐
Armaan dura karoorri keenya dilbiiwwan (potentials) baldhaa qabnuufi injifannoowwan argaman ragaa saayinsaawaan kan xiinxale hinturre. Bara 2019 tirannaarraa akka baanu karoorri keenya dilbiiwwan naannawa keenya jiran akkasumas buโaalee gaggaarii imala keenyan argaman guutummaatti xiinxalamuu qaba. โDilbii qabnu hundatti fayyadamnee jirraa? Maaliif buโaan keenya hamma galmaaโe kanaa ol taโuu dhabe?โ gaaffiin jedhu deebii quubsaa argachuu qaba. Asirratti, qaamolee milkaaโinoota xixiqqaa asiifii achitti muldhatanitti quufaniif ergaa tokkon qaba; armaan booda kaโumsi keenya yaadama โamma yoonaa dilbii qabnu guutummaatti baasnee gara hojii guddichaatti hinseenneโ jedhu haataโu.
3. ๐๐๐๐๐ผ๐ผ๐๐ผ ๐๐ผ๐ฝ๐ผ๐๐ผ๐๐ผ๐ผ: ๐๐๐ฃ๐๐๐๐ช๐ข๐ข๐๐ ๐พ๐๐๐จ๐๐๐๐ ๐๐๐ง๐ค๐ค๐ง๐-๐๐ค๐ง๐๐
Karoorri keenya qormaatilee jiran gadi fageenyaan sakattaโee furmaata qabatamaa kaaโaa hinturre. Caasaan mootummaa hojimaata baramaafi harkifataa keessatti ofhidhee (bureaucratic inertia), karoora bara darbeerraa ykn aanaa walfakkaaturraa baraafi maqaa qofa jijjiiree dhiyeessuun (copy-paste) amala baramaadha. Rincicummaafi sabab-dheessummaan caasaa kun, karoora bara 2019 keessaa guutummaatti cabuu qaba. Karoorri ganda baddaa tokkoo, karoora ganda gammoojjii waliin osoo hintaane kan ollaa isaatinuu gonkumaa tokko taโuu hindandaโu.
Rakkoon ganda tokkoo isuma mataa isaa ibsa; furmaanni isaas haaluma qabatamaa isaarraa madda. Duudhaan karoora-goree (micro-planning) adeemsa kana hordofuu barbaada. Kanaafuu, karoorri wixineeffamu qormaatilee iddoofi yeroo sanaa sirnaan sakattaโe, hubateefi irra aane taโee qophaaโuu qaba.
4. ๐๐๐๐๐ผ๐ผ๐๐ผ ๐๐๐๐ฟ๐ผ๐ผ๐๐ผ๐ผ: ๐๐ค๐๐๐ข๐๐๐ฉ๐ ๐๐๐ง๐ฃ๐๐๐ฌ๐๐๐๐ ๐พ๐๐ฃ๐๐๐ก๐ ๐๐ค๐ฃ๐๐
Rakkoolee imala ceโumsaa keenya harkisan adda baasuu qofti gahaa miti; karoorri keenya furmaata qindaawaafi ifa taโe kaaโufi qaba. Ammoo furmaata kaaโuu qofa osoo hintaane, furmaatichi salphaatti kan hinraawwatamneefi dhamaatii kan gaafatu taโuu hubatamuu qaba. Gama birootiin guutummaa cancala sonaa (value chain) kan walitti hidhe taโuu gaafata.
Fakkeenyaaf, rakkoo oomishtummaa qonna keenyaa furuuf โmekanaayizeeshiniiโ akka furmaataatti kaaโuun gaarii taโus goonkumaa gahaa hinturre. Furmaatichi qabatamaan humna kan horatee, dhiibbaa qaraxi olaanaa al-galchii teknoolojii qonnaa irratti feโame akka jijjiiramu taasifneen Mootummaan Federaalaa Labsii Lakk. 457/2013 baasuun tiraaktara dabalatee teknoolojii qonnaa 600 ol qaraxarraa bilisa akka galan erga labsee booda.
Haataโu malee, furmaanni qindaawan asirrattis hindhaabatu. Dhaabbata tiraaktaroota warshaalessee dhiyeessu (Warshaalessa Meesaalee Qonnaa Keenyaa)โfi qusattootaaf liqii mijeessu (Baankii Siinqee) hundeessuu; ogeeyyii tiraaktaraa leenjisuufi giddugala suphaa ijaaruu, leecalloo qindaaโaa diriirsufi kkf guutuun barbaachisaa ture. Deemee deemee ganda, aanaa, magaalaa, godinaafi sektaraalee keenya jijjiiruu kan barbaannu yootaโe, karoorri keenya cancala sonaa jalqabaa hanga dhumaatti walsime kan hammate taโuu qaba.
5. ๐๐ผ๐ฟ๐ผ๐๐๐ผ๐ผ ๐๐ผ๐๐ฟ๐ผ๐ผ๐๐ ๐๐ผ๐ผ๐๐๐๐๐๐ ๐๐ผ๐ฟ๐ ๐ฝ๐โ๐๐
Armaan dura karoorri keenya sadarkaa gandaafi maatiitti kan gadi hinbuunefi rarraโaa ture. Humna badhaadhina maatii hojiitti osoo hingalchin, yaadrimee qofaan hiyyummaafi boodatti hafummaa injifachuun hinjiru. Oomishtummaa, galiifi qusannaa jijjiiruuf karooro sadarkaa maatiitti gadi buโe qabaachun dirqama.
Humni jijjiiramaa inni dhugaa, humna badhaadhina maatiifi gandaati. Fakkeenyaaf, qusannaa maatii/nama dhuunfaa yetoo ammaa %35 irra jiru gara %75โtti ol guddisuuf, oomishtummaa olaanaa uumuudhaan, maatiin sun dhibbeentaa %25 hafeen jireenya fooyyaโaa akka jiraatu dandeessisuu qabna. Kanaaf ammoo, karoorri keenya mala ogummaafi beekumsi oomishaa haaraan sadarkaa maatitti itti babaldhatu hammachuu qaba.
Maatii dinagdeen dadammaqsinee yoo fayyadamaa taasisne, sana booda humni isa dhaabu hinjiraatu. Seerri dinagdee ofuma isaatiin dhiibee isa sochoosa. Namni liqeeffate tokko liqii sana deebisuuf, kan buโaa argachuu jalqabe ammoo faayidaa isaa ittifufsiisee olhiiquf sochoโa. Adeemsi kun hawaasni jireenya laaffataa (easy life) keessaa akka bahu kan taasisudha.
6. ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ โ ๐ฝ๐ผ๐ผ๐โ๐๐๐ผ, ๐ผ๐๐๐๐๐๐, ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ผ
Gabaa idil-addunyaa keessatti, omisha โqulqullina qabu garuu harkifataaโ dhiheessuun kufaatiidha; akkasumas omisha โariitii qabu garuu qulqullina hinmirkaneessine ykn baayโina hinqabneโ dhiheessuun maammiltoota biraa amanamummaa argachuuf hindandeessisu. Karoorri keenya hojii mara baayโina, ariitiifi qulqullinaan madaalee raawwachuufi hogganuu qaba. Ariitiin keenya saffisa dorgomummaan idil-addunyaa ittdabalu kan duursu taโuu qaba.
7. ๐๐ผ๐๐๐ผ ๐๐๐ผ๐ผ๐๐พ๐๐๐ (๐๐๐๐ฅ๐๐ง๐ค๐๐๐๐ฃ๐): ๐๐๐๐ญ๐๐ฉ๐ช๐ข๐ข๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ฎโ๐๐จ๐ช๐ช
Guddina tirataafi injifannoowwan xixiqqaatti quufuun muldhateera. Ilaalchi akkasii, ariifachiisummaafi hiixatummaa galmoonni qabsoo ummata Oromoo barbaadan waliin kan deemu miti. Ummanni baroota dheeraaf miidhama hundagaleessa keessa jiraachaa ture jijjiirama tirataaf obsa hinqabaatu.
Yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama qabatamaa dhugoomsuuf karoora baraa gara baraatti guddina ofbaayโisu (exponential growth) milkeessu qopheessuu qabna. Milkaaโina bara kanaa dachaa tookkoofi lamaan osoo hin taane, humnaafi dandeettii keenya guutuu dhiibnee dachaa 20โn 30โn dabaluuf karoorsuu qabna.
Jijjiiramni tirataa amalaafi madaallii Mootummaa Idaaโamuu miti. Carraa kanaan waan tokko hubachuun barbaachisaadha. Galmi Utaalchoo (Leapfrogging) karoora salphaa, fooyyaโiinsa xixiqqaa raawwii bara darbeerratti hundaaโu, ykn haala barameen milkaaโu miti. Hiixatummaa sammuu, kutannoofi hojii halkaniif guyyaa nugaafata.
8. ๐๐๐ ๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐:
Hijiin cimina nama dhuunfaa ykn duula irratti hundaaโe, sochii fullaโaa hinqabaatu. Karoorri keenya sirna bakka hoggansi hinjirretti hojiin akka ofiin sochooโu taasisu uumuu qaba. Inisheetivii yoofudhanne, yaadama nama daaโima hinguddannee kunuunsutiin karoorfamuu hinqabu. Barbaachisummaan inisheetivii toora rincicaa hojii idileetiin hinsochoone tokko tarkaanfii addaatiin yeroo gabaabaa keessatti furguuga keessa galchuudha. Sana booda humni mootummaa toorawwan biroo tarkaanfatoo hintaane sochoosutti ceโuu qaba jechuudha.
9. ๐๐๐๐๐ผ ๐๐ผ๐ผ๐๐ผ๐๐ผ๐๐๐๐๐ผ๐ผ ๐ฟ๐๐๐๐๐๐๐๐
Gaafatamummaan (accountability) adabbii qofa miti; waliigaltee raawwii hojiiti. Karoorri keenya sirna hojii haaraa, buโaa qabatamaa (deliverology) irratti hundaaโe kan diriirsu taโuu qaba.
โข แดแดแด
แดแดสสษชษช สแดแดแดกแดกษชษช (แดแดษชs): Galmi hundi safaramuu qaba. Karoorri sirna hordoffii, deeggarsaafi madaallii qulqulluu qabaachuu qaba.
โข ษชแดแดแดส๊ฑแด ษขแดสแดแด๊ฑแดแด: Karoorri sirna gahumsi qaamolee raawwachiisoo (dhaabbileefi namoota) ittiin ijaaramu hammachuu qaba.
โข สแดแด สแดแด๊ฑแดแด๊ฐษช แดแด แดสสษชษช: Karoorri sochii kamuu ija waliigaltee hawaasatiin (social contract) ilaalamuu qaba. Warra ciman badhaasuu, warra kufan ammoo sirna gaafatamummaa cimaan simachuu barbaada.
Karoorri bara 2019 wixineeffamu, dandeettii ariitiin ofjijjiiruu keenya kan murteessudha. Qophiin keenya marti bilchina saayinsawaafi kutannoo siyaasaa kan ofkeessaa qabu akka taโu cimsee isin hubachiisuun barbaada.