Finfinnee, Caamsaa 29, 2018 (FMC) – Adeemsa filannoo guutuu 7ffaa keessatti komiiwwan mudatan seeraa fi hojimaata dhaabbatichaa bu’uureffachuun qoratamanii deebiin kennamaafii jiraachuu Boordiin Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Walitti-qabduun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti; hanga ammaatti komiiwwan 31 paartilee siyaasaa irraa, akkasumas 16 kaadhimamtoota dhuunfaa irraa, walumaagalatti komiiwwan 47 dhiyaataniiru.
Boordichi komiiwwan simatee qulqulleessaa akka jiru ibsuun, qorannoon yoo xumuramu murtee dhumaa ifa akka godhu dubbataniiru.
Komiiwwan dhiyaatan karaa seera qabeessa ta’ee fi loogii malee madaaluuf, yaa’iin ogeessota seeraa hundeeffamee gara hojiitti akka gales eeraniiru.
Adeemsa filannichaa keessatti yaada fi komiiwwan mudatan deskii oppireeshiniin, deskii paartilee siyaasaa fi taajjabdootaan, waltajjii Waatsaappii kan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa waliin hundeeffameen, akkasumas sararoota bilbilaa gabaabaa 7555 fi 6412’n walitti qabaa akka tures eeraniiru.
Kanaanis boordichi komiiwwan akkuma isa qaqqabaniin tarkaanfiiwwan ariifachiisaa akka fudhates ibsaniiru.
Adeemsa filannichaa keessatti qaamoleen bulchiinsaa gidduu-seenan buufataalee irraa akka fagaatan kan taasifame yoo ta’u, raawwachiistota filannoo hojimaata cabsan irratti hojii irraa gaggeessuu dabalatee hanga buufataalee cufuutti tarkaanfiin akka fudhatames ibsaniiru.
Biraanuu Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia