Komishinichi hayyoota wayita Yaa’iin gaggeeffamu xiinxala ogummaa dhiyeessan waliin mari’achaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2018 (FMC)- Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hayyoota wayita Yaa’iin gaggeeffamu xiinxala ogummaa dhiyeessan waliin mari’achaa jira

Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Ar’ayaan, mariin biyyaalessaa waldhabdee barootaaf lafarra harkiifataa turan kara ammayyaa’een furuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf dirree uuma jedhan.

Waggoottan arfan darban qophiin bal’aan taasifamaa turuu eeruun, kanaans boqonnaalee garaagaraan ajandaalee ijoo yaa’icha gaggeessuuf dandeesisan walitti qabaa turuu kaasaniiru.

Yaa’ichaan hirmaattoonni kuma 4 kan hirmaataniifi garee 8 tti kan gurmaa’an yoo ta’u, kunis Itiyoophiyaa kan fakkatuu fi lammii Itiyoophiyaa hunda kan bakka buuse of eeggannoon kan gurmaa’e ta’uu ibsaniiru.

Hayyoonni adeemsa marichaa keessatti hubannoo waloo uumuuf, dhimmoota walxaxoo qorannoon adda baasuun furmaata fiduuf, akkaataa dhuufiinsa dhimmoota walxaxoo ilaaluun hanqinoota ilaaluun gara furmaataatti geessuun kan irra eegamu ta’uu hubachiisaniiru.

Hirmaattonni torban tokko keessatti Finfinnee kan galaniifi mariin yoo xiqqaate torban afur turuu kan gaggeeffamu ta’uu Pirofeesar Masfiin dubbataniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment