Koriidarii Baadiyyaa Kabaja Hawaasa Baadiyyaa Gara Sadarkaa Ol’anaatti Ceesisu

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2018 (FMC) – Hojiin misooma koriidarii baadiyyaa naannolee garagaraa Itiyoophiyaatti hojiirra oolaa jiru, adeemsa badhaadhina qonnaan bulaa keessatti gumaacha guddaa a) jira.

Koriidariin baadiyyaa kutaa dhiqannaa hammayyaa, mana beeyladaa, iddoowwqn fuduraalee fi muduraalee, baayoo gaasii fi gaagura dammaa jireenyaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf gargaaran kan guuttate waan taheef, jiraattotaaf badhaadhina hundagaleessa ni mirkaneessa.

Misoomni koriidarii baadiyyaa iddoowwan kanaan dura jalqabametti haala jireenya qonnaan bulaa qabatamaan jijjiireera.

Akka fakkeenyaatti, jijjiirama koriidarii baadiyyaa jalqaba irratti ifoome Naannoo Itiyoophiyaa Giddugaleessaa keessatti kanneen argaman zooniiwwan Hadiyaa, Silxee, Halaabaa fi Kambaataatti galmeeffame eeruun ni danda’ama.

Kaayyoon hojii misoomaa kun inni guddaan haala jireenya qonnaan bulaa hammayyeessuu fi fooyyessuu dha.

Haaluma kanaan haala jireenya qonnaan bulaa beeyladaa wajjin walkeessa jiraatu ture jijjiiruun haala ammayyaatiin bakka jireenya mataa isaa fi kan beeyladaa adda basuun jireenya hammayyaa gaggeessuu jalqabsiiseera.

Qonnaan bulaan amma filannoowwan garagaraatiin humna elektiriikii argachuu jalqabuun isaa, ijoolleen isaa barnoota isaanii sirriitti akka hordofan gochuu bira darbee, ittifayyadama annisaa irratti jijjiirama gochuun ijaarsa dinagdee Magariisaaf gumaacha taasisaa jira.

Fuduraalee fi muduraalee boroo isaa keessatti omishuun sirni nyaata isaa jijjiirameera; horsiisa beeyladaa irrattis sanyiiwwan fooyya’an horsiisuun omishtummaan isaa dabaleera.

Hojiin misooma koriidarii baadiyyaa qonnaan bulaan geejjiba barbaacha fagoo akka hin deemne fi yeroo isaa sirriitti akka fayyadamus gargaareera.

Qonnaan bulaan omisha isaa dallaaltota seeraan alaa irraa ittisuun kallattiin gabaaf dhiheessuudhaan, baasii hin barbaachisnee fi rakkina irraa oolee galii isaa akka guddisu carraan uumameeraaf.

Deeggarsa ogummaa fayyaa, barnootaa fi qonnaa taasisuuf meeshaalee barbaachisan dhiheessuu fi guutuuf haalli mijataan uumamuun isaas qonnaan bulaan adeemsa badhaadhinaa keessa jiraachuu isaaf ragaa isa guddaa dha.

Misoomni koriidarii baadiyyaa jalqabame kun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan mootummaan hojjetu keessaa tokko waan taheef, gandoota murtaa’an qofa keessatti hojjetamee kan dhaabbatu utuu hin taane, piroojektii itti fufiinsaani hojiirra ooluu dha.

Haala jireenya haawaasa baadiyyaa hundaa jijjiiruun, dameewwan hundaan galma badhaadhinaa milkeessuuf hojiin kun cimee itti fufeera.

Dhiyeenya kana Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kan eebbisan, lafa hektaara 79.4 irratti kan qubate fi qaama misooma koriidarii baadiyyaa kan tahe gandi moodelli Hamaasaa hammayyaa ta’an ragaa kanaa ti.

Akka Dooktar Abiy jedhanitti; misoomni koriidarii baadiyyaa kutaa dhiqannaa hammayyaa, mana beeyladaa, iddoo biqiltuu ykn muduraalee, baayoo gaasii fi gaagura dammaa jireenyaa fi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf gargaaran kan guuttate dha.

Kunis badhaadhina hundagalee jiraattotaa kan mirkaneessu yoo tahu; kabaja, mijataa fi fayyadamummaa ikoonomii hawaasa baadiyyaa gara sadarkaa ol’anaatti kan ceesisu tahuu isaa irratti argamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment