Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Giddu-galli Qonna Qindaa’aa ijaarame tajaajilaaf baname

Finfinnee , Caamsaa 15, 2018(FMC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Giddugalli Qonna Qindaa’aa lafa hektaara 3 irratti ijaarame tajaajilaaf banameera.

Giddugalicha Kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeetu eebbisee taajaajila eegalchiise.

Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, giddugalichi dukkaanota 16 fi sheedota 18 of keessaa qaba.

”Magaalaan keenya, mana hunduma keenyaaf miijattuu dha; misoomni keenyas hunda kan hammatuu dha” jedhan ergaa isaaniin.

Sirna darbe keessa qonnaan bulaan lafa isaarraa dhiibamaa, lafti isaa qofti barbaadamaa akka ture yaadachiisanii, kunis jijjiiramichi akka dhufuuf kanneen ka’umsa ta’an keessaa tokko ta’uu ibsan.

”Qonnaan bulaa misoomawwan magaalaa hunda keessatti hammachiisnee akka waliin misoomuu fi fayyadamummaan isaa akka mirkanaa’u gochuu irra darbee, misoomaaf lafa isaarraa yoo kaafamu beenyaa ga’aa akka argatu ta’aa jira,” jechuunis hubachiisaniiru.

Hojii fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessaa jiran keessaa kanaan dura kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Giddugalli Oomishaalee Qonnaa Qindaa’aa lafa hektaara kuma 14 irratti ijaaramuu yaadachiisaniiru.

Giddugalli Lammii Kuraatti baname kunis qaama hojichaa ta’uu hubachiisan.

Wiirtuuwwan akkanaa qaala’iinsa gatii jiraattota magaalattii mudachaa jiru ittisuun oomishaalee qonnaa gatii madaalawaan kan dhiyeessani dha jedhan.

Hojimaanni akkanaa waliin guddachuu kan jajjabeessan ta’uu eeranii, qaamolee hojicha milkeessan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment