Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Lageen, gaarreenii fi bosonni Oromiyaa nageenya waaraa akka argatan ni hojjetama jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Tattaaffiin karaa nagaan nageenya waaressuuf taasifamu caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Mootummaan nageenya lammiilee tiksuuf kan hojjetu ta’uu eeran.
Ergama nutti kenname murannoo olaanaan raawwachuuf kutannoo qabaachuu dubbatan.
Caffeen Oromiyaa haaraan har’a hojii eegale ergama itti kanname sirnaan akka bahuutu waamicha dhiyeessaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase