Finfinnee, Adoolessa 15, 2018 (FMC )- Birmadummaa biyyaa haala amansiisaan kabachiisuuf dhimmoota dandeessisan keessa Humna Qilleensaa Meesha ammayyaa hidhate ykn yeroo wajjiin deemu ijaaruun isa ijoodha.
Humni Qilleensaa Naannawaaqilleensaa biyya tokko dammaqinaan fi of eeggannoon haleellaa kamiirrayyuu ittisuuf itti gaatamummaa qaba.
Yoo haleellaan raawwatame, Humni Qilleensaa tarkaanfii deebii barbaachisaa ta’e fudhachuun haleellaa raawwatame qolachuu fi balaa sana saffisaan miidhaa xiqqaan akka xumuramu taasisa.
Kanaafis immoo Humna Qilleensaa yeroo wajjin walsimu, akkasumas teeknooloojii waraanaa ammayyaa hidhate ijaaruun barbaachiisaadha.
Mootummaan Ida’amuu haala qabatamaa biyyattii tilmaama keessa galchuun, Humna Qilleensaa ammayyaa dandeettii isaa gama hundaan cimsate ijaaruuf hojiileen hojjete jajjabeessoodha.
Haaluma kanaan ce’umsa teeknooloojii Humna Qilleensaa cimsuun nageenya naannawaa eegu qofa utuu hin taane, sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta’uuf kutanoon hojjetamaa jira.
Keessattuu tooftaa lolaa yeroo ammaa sirriitti kan hubatu humna namaa leenji’e horachuun akkasumas xiyyaarota nama maleessa hidhachurratti xiyyeefannoon kennameera.
Akka Fakkeenyaatti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waggaa tokko dura kan eebbisan tajaajila loltummaafi Siviiliif kan ooluu Xiyyaroota nama maleesaa kan oomishu Indaastiriin, Sky Win Aeronautics’ isa tokko.
Dooktar Abiy Ahimad wayita sana akka jedhanitti, Waggoota muraasa dura biyya keessatti diroonii oomishuun dhimma hin yaadamneedha jechuun isaanii ni yaadatama.
Xiyyaarota nama maleessa dandeettii ofiin ogeeyyii biyya keessaan oomishuun Itiyoophiyaaf seenaa guddadha.
Teeknooloojichi sochii diinootaa seekonditti hordofuun, qorannoo taasisuu fi deebii ariifachiisaa kennuuf gahee olaanaa qaba.
Dandeettii akkanaa caalmaatti cimsuun Humni Qilleensaa teeknooloojji ammayyaa hidhachuun, tattaaffii eegalame saffisisuuf qooda oalanaa bahataa jira.
Keessattuu humna namaa teeknooloojjii ammayyaa hubatu horachuufi bu’uuraalee misooma waraanaa ammayyaa guutuuf faayidaa qaba.
Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan akka jedhanitti, wayita ammaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Naannawaa qilleensaa biyyattii haleellaa kamiirrayyuu eeguufi ittisuuf gahuumsa qaba.
Humni qilleensichaa teeknooloojii haaraa maddisisuun humna nama leenji’ee horachuun bara 2022 tti Afrikaarraa Humna Qileensaa adda duree ta’uuf murannoon hojjechaa jira.,
Kanaafis Mootummaan jijjiiramaa miseensoonni humna qilleensaa yaadama siyaasaa fi Sabaa keessaa akka bahan taasisuun bifa Itiyoophiyaa akka qabataan taasiseera.
Malaakuu Gaddifiin.