Finfinnee, Caamsaa 16, 2018 (FMC)- Liiziin Siinqee Humna Faayinaansii Ce’umsa Indaastirii Oromiyaati jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.;
Pireezidaantii Shimallis Abdiisaan Sagantaa Ifoomsaa Liizii Siinqeefi Asxaa haaraa Dhaabbaticha ifoomsuu sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.
𝐒𝐈𝐈𝐍𝐐𝐄𝐄 𝐋𝐈𝐈𝐙𝐈𝐈: 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐅𝐚𝐚𝐲𝐢𝐧𝐚𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢 𝐂𝐞’𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐈𝐧𝐝𝐚𝐬𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚
Har’a Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Galaanitti argamuun hundeeffama 𝗦𝗜𝗜𝗡𝗤𝗘𝗘 𝗟𝗜𝗜𝗭𝗜𝗜fi asxaa haaraa dhaabbatichaa ifoomsineerra.
Dabalataanis, meeshaalee kaappitaalaa murteessoo ta’an intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaatiif dabarsinee kennineera.
Utaalchoon “Oromia Capital Goods Finance Business S.C.” irraa gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, kan maqaafi asxaa qofa osoo hintaane, jijjiirama tarsiima’aa dhaabbatichaati.
Moggaasni maqaa fi asxaa haaraan muldhataafi kaayyoo baldhaa, eenyummaa sabaa cimaafi ergama 𝗚𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 waliin kallattiin kan walsimudha.
Ce’umsi gara Siinqee Liiziitti taasifame kun, qaama riifoormii ‘𝗢𝗿𝗼𝗺𝗶𝗮 𝗦𝗼𝘃𝗲𝗿𝗲𝗶𝗴𝗻 𝗙𝘂𝗻𝗱’ dandeettii caasawaa horataalee mootummaa guddisuuf taasifameeti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa kanaan dhaabbilee faayinaansii kopha-kophaa fi gargar turan hambisuun, sanyii faayinaansii qindaa’aafi rudaa tokko uumuu danda’eera. Kanaaniis sirnakkoon faayinaansii 𝗚𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 guutuu ta’e ijaarameera:
• 𝗕𝗮𝗮𝗻𝗸𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 𝗦.𝗖.
• 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 𝗟𝗶𝗶𝘇𝗶𝗶 𝗦.𝗖.
• 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 𝗜𝗻𝘀𝗵𝘂𝗿𝗮𝗮𝗻𝘀𝗶𝗶 𝗦.𝗖.
• 𝗕𝗮𝗮𝗻𝗸𝗶𝗶 𝗜𝗻𝘃𝗮𝘀𝘁𝗶𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 𝗦.𝗖.
Qindoominni kun amantaa ummanni dhaabbaticha irratti qabu daran kan cimsu, yaa’insa maallaqaa haqa qabeessa, sochii gabaa saffisaafi humna faayinaansii jabaa ijaaruuf kan nudandeessisuudha.
Galmi keenya tarsiima’aan, dinagdee naannoo keenyaa 𝘀𝗵𝗮𝗺𝗺𝗮𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (consumption) irraa gara 𝗱𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲 𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵𝗮𝗮𝘁𝘁𝗶 (production) ceesisuudha.
Dargaggoonnifi intarpiraayizoonni keenya gaheen dinagdee keessatti qaban quucaree turuun isaa fedhiifi kutannoo hojii waan dhabaniif miti; sirni faayinaansii dhiyeessii meeshaalee kaappitaalaafi teeknoolojii, gabbina ogummaafi dhaweessummaa, akkasumas guddina intarpiraayizootaaf diriire waan hinturreefi.
Gareen Siinqee, Addatti ammoo Siinqee Liizii fala tarsiima’aa hudhaa caasawaa dinagdee kanaati.
𝗜𝗻𝗶𝘀𝗵𝗲𝗲𝘁𝗶𝘃𝗶𝗶𝗻 𝗜𝗻𝗱𝗮𝘀𝘁𝗶𝗿𝗶𝗶 𝗚𝗼𝗱𝗼𝗼 keenyas dhaabbata kana malee kan lafa qabatu hinturre. Sochiin gama kanaan taasisaa jirru gamanumaa guddina qabatamaa galmeessisaa jira.
• 𝗝𝗶’𝗼𝗼𝘁𝗮 𝟭𝟬’𝗻 darban keessa intarpiraayizoota indastirii godoo 𝟴𝟯𝟲 ta’aniif meeshaalee kaappitaalaa 𝟲,𝟱𝟬𝟮 gatii 𝗯𝗶𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗯𝗶𝗹. 𝟯 𝗼𝗹 ol itti bahe karaa dhaabbata kanaa dhiyeessineera.
• 𝗚𝘂𝘆𝘆𝗮𝗮 𝗵𝗮𝗿’𝗮𝗮𝘀 waldaalee 𝟮𝟮𝟰 ta’aniif meeshaalee kaappitaalaa murteessoo 𝟭,𝟬𝟲𝟯 dabarsineerra.
Sochiin hanga ammaa taasifne jalqabbii qofa; 𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗢𝗳-𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮’𝘂𝘂 MNO waggoota shanan dhufaniitiin, oomishtummaa, ogummaafi dhaweessummaa dargaggootaafi intarpiraayizoota keenyaa irratti hojjechuun ce’umsa gara dinagdee indastiraawaatti taasifamu sadarkaa amansiisarraan kan geenyu ta’a.
Moggaasni maqaa akkasumaan tasa hinkennamu. Gareen faayinaansii kana maqaa 𝗦𝗶𝗶𝗻𝗾𝗲𝗲 jedhuun moggaasuun keenya ittiyaadameeti.
Jechi kun seenaafi aadaa ummata Oromoo keessatti hiika gadi fagoo kan qabudha. Siinqeen mallattoo kabajaa, eegumsaa, haqaafi walsima hawaasummaati.
Har’a falaasama adoo kana gara ijaarsa jaarmiyaalee faayinaansii ammayyaa fulla’iinsa qabaniitti madaqsaa jirra.
Kana malees, maqaa daangaa naannoo keenyaa ce’ee, sadarkaa biyyoolessaafi idil-addunyaatti dorgomuufi baldhachuuf isa dandeessisu ta’uu waan qabuuf kan kennamedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ce’umsa dinagdee naannichaa dhugoomsuuf dhimmoota afur addatti qindeessaa jira.
1. Iddoo indastirii gurguddaan itti simataman kanneen akka Zoonii Dinagdee Seektar-danuu Gadaafi paarkiilee indastirii
2. Magaalotaafi godinootatti sirnakkoo invastiment mijeessuu
3. Galteewwan indastirii biyya keessaatti baldhinaan omishuu
4. Dargaggoota ogummaa hidhachiisufi dhaweessummaa goonfachiisuu
𝗘𝗴𝗲𝗿𝗲𝗲𝗻 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗢𝗼𝗺𝗶𝘀𝗵𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗹𝗮𝗾aan Ifa!
Kanaaf hirkoo amasiisaa kan ta’e humna faayinaansii Siinqee Liizii jedhamu ijaarrerra.
𝗦𝗜𝗜𝗡𝗤𝗘𝗘 𝗟𝗜𝗜𝗭𝗜𝗜 – Maashinoota Ammayyaa. Dhaabbilee Ciccimoo. Ce’umsa Indastirii.