Finfinnee, Adoolessa 16, 2018 (FMC) – Sagantaan Maaddii Guutuu inisheetiiviiwwan jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruuf hojiirra oolan keessaa tokkodha.
Sagantaan kun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi lammiileen nyaataan akka of danda’an gochuu keessattis qooda olaanaa qaba.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad akka biyyaatti sagantaa kana bara 2015 kan eegalchiisan yoo ta’u, bara sana irraa eegalee oomishaafi oomishtummaa guddisuun milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jira.
Sagantichi oomisha Aannanii, Killee, Dammaa, Horsiisa Lukkuu, Qurxummii fi kanneen biroo guddisuurratti xiyyeeffata.
Maaddii Guutuun fedhii dhiyeessii oomishaalee qonnaa magaalonni qaban guutuu keessattis qoodni bahachaa jiru laayyootti ilaalamu miti.
Sagantaa Kanaan lammiileen iddoo xiqqoo qabanirratti kuduraafi muduraa, horsiisa lukkuufi loonii akkasumas oomisha dammaa irratti bobba’uun of danda’uurra darbanii hawaasa naannoo isaanii fayyaduu danda’aniiru.
Keessattuu sadarkaa maatii irratti wabii nyaataa mirkaneessuun, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun, galii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuun, akkasumas biyyattiif sharafa alaa argamsiisuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf kan kaayyeffate dha.
Yeroo ammaa aannan liitirri biiliyoonni 15.2 ol oomishamaa jira,Bara oomishaa 2018 Fooni Qurxummii Tooniin kumni 200 fi kumni 70 ol, cuuciwwan miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 84 dhiyaachuu, Dammii Tooniin kumni 400 fi kumni 28 ol oomishamaniiru.
Sagantaan maaddii guutuu tattaaffii biyyattiin wabii nyaataa mirkaneessuuf taasisaa jirtu akkaan tumsaa jira.
Sagantaan maaddii guutuu kun qabeenya uumamaa fi humna namaa Itiyoophiyaan qabdu sirnaan fayyadamuun, rakkoo wabii nyaataa fi sirna nyaataa waggoota dheeraaf ture karaa itti fufiinsa qabuun hiikuuf kan qophaa’e dha.
Mootummaan sagantaa kanaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa kan jiru, qabeenya beeyladaa guddaa biyyattiin qabdu teeknooloojiin deeggaruun gara gatii qabatamaa fi faayidaa biyya keessaa jijjiiruuf, akkasumas oomishtummaa damee kanaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf.
Sagantichi yaadama nyaata koo boroo koo keessaa jedhuun horsiisa lukkuun, Aannaniin, dammaa fi Qurxummiin fayyadamummaa kaayyoo nyaata madaalamaa dhaqqabamaa taassisuu bu’uura kan godhateedha.
Siifan magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia