Madoo seenaarraa gara waloon biyya ijaaruutti…

Itiyoophiyaan waldhabdee mariin hiikuu aadaa cimaa fi bu’uura qaroomina durii kan qabdu taatus, ajandaa diinootaan waldhabdee uumamu hiikuuf boqonnaa seenaa murteessarratti argamti.

Itiyoophiyaanonni yeroo gara yerootti waraana dhihoo fi fagoo irraa isaan irratti baname ofirraa qolachuun biyya tikfachuu keessatti seenaa waloo guddaa kan qabaniidha.

Har’as rakkoolee walxaxoo nageenyaa fi misooma gufachiisan kanaaf furmaata waaraa kennuuf tokkummaan walitti qabamaniiru.

Seenaa barreessuuf qophaa’aniiru.

Humna namaa fi qabeenya uumamaa isheetti fayyadamtee gara fuulduraatti akka hin tarkaanfanne gufuu kan ta’an rakkoolee walxaxaarraa bilisa ba’uuf, marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiruun araaraa fi dhiifamaan furachuuf gaaddisa tokko jalatti walgahaniiru.

Haalli jireenyaa Itiyoophiyaanotaa jireenya dhuunfaa caalaa waloon jiraachuu ta’uu isaan lammiileen ishee giddu seentummaa tokko malee rakkoolee isaanii furachuun tokkummaa keessoo isaanii cimsachuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf humna tokkoon ka’aniiru.

Furmaata waloo barbaaduuf wal amantaa ijaaruu fi madoo kaleessaa dhiifamaan fayyisuun nageenya waaraa mirkaneessuuf Yaa’ii Maree biyyaaleeaa gaggeeffamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa, paartileen siyaasaa, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dhaabbileen hawaasa siiviilii fi dubartoonni hirmaachaa jiru.

Waraana lubbuu lammiilee gaaga’u, qabeenya barbadeessu, hariiroo hawaas diinagdee miidhu xumuruuf filannoon jalqabaa marii fi marii qofa ta’u hubataniiru.

Adeemsi Yaa’ii Marii Biyyaalessaa hunda hammataa, walabaa fi iftoomaa ta’uun isaa hirmaannaa dhugaa fi wal dhaggeeffannaa qaamolee hundaatiin deeggaramee, Itiyoophiyaa boqonnaa walitti bu’iinsaa fi hiyyummaa keessaa baasuun gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf bu’uura jabaa akka kaa’u ni amanama.

Itiyoophiyaanoonni garaagarummaan jiru kan furamu mariin malee walwaraanuun waan hin hiikamneef karaa haqaa fi dhugaa ta’een waliin mari’achuun biyya ceesisuu qabna jechuun gaaddisa tokko jalatti mari’achaa jiru.

Seen duubeen Itiyoophiyaa rakkoo siyaasaa fi gaaffilee walqabatanii ka’an humnaan furuuf yaaluu ishee gatii guddaa kaffalchiiseera.

Marii Afrikaaf barumsa ta’u, Itiyoophiyaanota hundaaf ammoo boqonnaa haaraa uumu, har’a qofa osoo hin taane waggoota kurnan hedduu itti aananiif bu’uura kaa’uu gaggeessaa jiru.

Itiyoophiyaanonni madoo seenaarraa gara waloon biyya ijaaruutti ce’uuf mari’achaa jiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment