Magaalaa Finfinneetti sosochiin Ittisaa fi qophaa’ummaa balaa lolaa eegale

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti sosochiin Ittisaa fi qophaa’ummaa balaa lolaa waqtii gannaa eegaleera.

Ittaanaan Kaantibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zyaanxiraar Abbay, naannawaa balaa lolaaf saaxilamoo ta’an ittisuuf sosochii waqtii gannaa eegalchiisaniiru.

Waggoota duraa naannawaan Aqaaqii Qaallittii balaa lolaaf saaxilamoo turuu dubbatan.

Hojiilee Ittisaa fi qophaa’ummaa balaa lolaa bu’uura taasisuun hojjetameen saaxilamummaan hir’achaa dhufuu eeran.

Balicha dursanii ittisuuf hojiileen qophaa’ummaa ittisaa qaama tokko ta’uu himan.

Hojiin ittisa balaa fi qophaa’ummaa qaama sochii kanaa ta’uu eeraniiru.

Lageen balaa akka hin qaqqabsiifne hojiileen ittisuu eegalame cimanii itti fufu jedhan.

Hojiin lageen qabiyyee uumamaa isaanitti deebisuu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasan.

Hojiin deebisanii misoomsuu Yaa’a Olii Magaalaa Finfinneerratti hojjetame bu’aa gaarii galmeessuu Sadarkaa Ittaanaa Kaantibaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seetaan himaniiru.

Kunis balaa yaa’a gadirratti qaqqabaa ture daran hir’suu kaasan.

Iyyoonaadab Andu’lemtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment