Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti manneen jireenyaa kaafamtoota misoomaaf Birrii miiliyoona 700 oliin ijaaraman 300 eebbifaman.
Manneen kunneen baasii bulchiinsa magaalichaatiin ijaaramuu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar dubbataniiru.
Manneen jireenyaa qusannaa miseensa maatii kuma 1 fi 200 ol kan tajaajiluufi abbootii warraa 300f furtuun kennamuu kaasan.
Bulchinsii magaalaa Jimmaa bara baajataa kanatti piroojektoota 80 ol Birrii biiliyoona 2.5 oliin ijaarsisee xumursiisu himan.
Manneen ha’a dabarfaman kunnaman kutaalee ciisichaa lama, mana dhiqannaafi mana bilcheeffannaa addatti kan qabudha.
Dabalataan dirree kubbaa miilaa lamaafi dirree kubbaa saaphanaas qaba.
Abdurrahmaan Mahammadiin
#Oromia #Ethiopia