Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinnee keessatti gatii kiraa mana jireenyaa haala saayinsaawaa fi sababa qabeessa taheen geggeessuuf qorannoon tilmaama gatii dhiyaatee mariin paanaalii irratti gaggeeffamaa jira.
Hoggantuun Biroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii Magaalaa Finfinnee Qiddist Walda-Giyoorgis akka jedhanitti, bulchiinsi magaalattii dhiibbaa jireenyaa hir’isuu fi hojimaata seeraan alaa fi bifa calqabaan gabaa kiraa mana jireenyaa keessatti mul’achaa ture ittisuuf hojjachaa jira.
Bara 2016 keessa magaalattiitti galmee waliigaltee kireessaa fi kireeffataa bal’inaan gaggeessuu yaadachiisanii, kunis seenaa misooma fi bulchiinsa manneenii keessatti boqonnaa haaraa kan bane fi hojimaata seeraan alaa ture kan hanbise milkaa’ina guddaa akka ture dubbatan.
Har’a ammoo aangoo fi itti gaafatamummaa labsichi kennu bu’uureffachuun, adeemsi waliigaltee haaromsuu haala haqa qabeessa, saayinsaawaa fi sababawaa taheen geggeessuuf, qorannoon gatii kiraa mana jireenyaa murteessu dhiyaachuu dubbataniiru.
Gatiin kiraa manaa haala malee fi yeroo yeroon dabalu dandeettii kaffaltii lammiilee laaffisuun, waliigalatti qaala’iinsa gatii gabaaf sababa tokko ta’eera jedhan.
Kanaafis, qorannichi duudhaalee waligalaa magaalattii keessatti faayidaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa mataa isaa akka qabu ibsaniiru.
Qorannoon kun kireessaan galii sirrii fi haala dinagdee yeroo ammaa tilmaama keessa galche haqa qabeessa tahe akka argatu kan mirkaneessu yoo tahu, gama biraatiin ammoo kireeffataan kiraa galii isaa waliin madaalu kaffaluun jireenya dinagdee tasgabbaa’aa akka gaggeessu dandeessisa jedhan.
Dabalataan, gabaan fayyaalessa fi tilmaamamuu akka fanda’u gochuun sochii daldalaa fi dinagdee magaalattii akka tasgabbeessu ibsanii; tasgabbaa’uun gatii kiraa manaa sodaa irra deedeebiin mana jijjiiruu irraa maatiiwwan akka baraaru dubbatan.
Hojimaata ifa fi seera qabeessa diriirsuun wal-shakkii kireessaa fi kireeffataa gidduu ture fi gidduu-seentummaa dallaalota seeraan alaa akka hanbisu eeraniiru.
Gatiin har’a dhiyaate kun bifa calqabaan kan hojjatame osoo hin taane dandeettii kaffaltii jiraattota magaalaa tilmaama keessa kan galche akka ta’es ibsan.
Qorannichi Akaadaamii Hoggansaa Finfinnee fi barsiisota yuunivarsiitii garaa garaan akka hojjatame eeranii, bara baajataa 2019 keessa hojiirra akka oolu hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa, qooda fudhattoonni, kireessitoonni fi kireeffattonni hirmaataniiru.
Masaafinti Eyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia