Mala qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa dachaan dabaluu…

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Mala qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa dachaan dabaluuf hojjetamaa jira jedhe Inistiityuutiin Tiraansifoormeeshiinii Qonna Itiyoophiyaa.

Qabeenya lafaafi bishaanii jiru teeknooloojii qonnaan deeggaruun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dachaan dabaluuf hojjetamaa jira jedhan Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutii Tiraansiformeeshiinii Qonna Itiyoophiyaa Dooktar Maandafiroo Nuguseen.

Naannoleen eeggattummaa jalaa bahuun oomishanii akka of danda’aniif hojiin hubannoo cimsuu fi deeggarsa teeknooloojii hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Itti Aantuun Pireezidaantii fi Hooggantuun Biiroo Qonnaa Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar gama isaaniin,oomishtummaa qonnaa guddisuuf lafa duraan oomisha malee ture irraa waggatti yeroo lamaa ol oomishuun danda’ameera jedhan.

Bara kana qofa lafa duraan oomisha malee ture hektaara kuma 1 fi 500 misoomsuun danda’amuu kaasan.

Kan duran Bishingaa ji’a 7tti gahu hektaara 1 irraa callaa kuntaala 24 oomishamaa ture ,yeroo ammaa Bishingaa sanyii filatamaan bakka buusuun ji’a 3tti gahaa jiraachuu ibsuun, hektaara tokko irraa hanga callaa kuntaala 63 oomishuun danda’ameera jedhan Aadde Roozaan.

Hoogganaan Biiroo Qonna, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa Dooktar Nuuraddiin Abdallaanis piroojektiiwwan jallisii babal’isuun qonnaan bulaan waggaatti yeroo lamaafi sanaa ol oomishee nyaataan akka of danda’uuf hojii hojjetameen bu’aan argamuu himan.

Kuduraa fi Muduraan qonnaan bultoonni magaalichaa oomishaa jiran magaalota biyya keessaa bira darbee biyyoota ollaaf dhiyaataa jiraachuu ibsaniiruu.

Nageessoo Kadiriin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment