Mallattoo tokkummaa fi guddina dippiloomaasii…

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Aadaa Hirmaannaa Uummataa haaraa kan uume, humna, beekumsaa fi maallaqa uummata Itiyoophiyaatiin kan ijaarame ta’uu isaatiin mallattoo tokkummaati.

Naannoo Beenishaangul Gumuz, aanaa Gubaatti kan ijaarame Hidhi kun anniisaa meegaawattii kuma 5 fi 200tti hiiqu maddisiisuu danda’a.

Anniisaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaf itti fufiinsaan dhiyeessuun madda galii diinagdees kan ta’uu dha.
Hamma lolaa hir’isuun biyyoota yaa’a gadiitiifi faayidaa guddaa qabaata.

Hidhi kun miidhaa fi yaaddoo biyyoota yaa’a gadii (keessattuu Ijiptii fi Sudaan) irratti qabaachuu danda’u hir’isuun faayidaa olaanaa qaba.

Haaluma kanaan faayidaalee isaa keessaa muraasni:
1. Lolaa Hir’isuu fi Yaa’a Bishaanii Gulaaluu

Yeroo gannaatti sababa rooba cimaan bishaan gar malee yaa’u hidha kana keessatti to’atamuudhaan lolaa cimaa Sudaan irratti miidhaa qaqqabsiisu ni hir’isa.

Kananis waggaa guutuu yaa’a bishaanii madaalawaa fi fooyya’aa ta’e biyyoota yaa’a gadiitiif dhiyeessuun faayidaa guddaa qabaata.

2. Harama biyyoo hir’isuu

Harama biyyoo hambisuun bishaan qulqulluu gara hidhoota Sudaanitti akka yaa’u godha.

Kunis umurii fi dandeettii kuufama bishaanii hidhoota Sudaan dheeressa, akkasumas baasii qulqulleessuu hir’isa.

3. Biyyoota ollaaf Annisaa dhiyeessuu
Sudaan dabalatee biyyoota ollaatiif anniisaa dhiyeessuun guddina diinagdee fi hariiroo dippiloomaasii cimsa.

Pirojeektichi pirojektii misoomaa guddaa Itiyoophiyaa keessatti iddoo olaanaa qabu yoo ta’u, gama misooma dinagdeetiin carraa guddaa uuma; dippilomaasii fi walitti hidhamiinsaa naannawaa waaraan guddisa.

Hidhichi dhimma misoomaa qofa osoo hin taane, dippiloomaasii fi hariiroo biyyoota naannawaa keessattis gahee guddaa qaba.

Haa ta’u malee, bu’aan gama dippiloomaasiin qabu kan dhugoomu amanamummaa, iftoomina fi tumsa biyyoota hunda gidduu jiru bu’uureffateeti.

Gama biraatiin dhimmi siyaasaa bishaanii Ijiptii fi fedhiin ishee naannicha irratti olaantummaa qabaachuuf qabdu dhimma biraa naannawichtti xiinxalaan ilaalamuu qabuu dha.

Erga ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eegalame kaasee Ijipti, ijaarsa isaa gufachiisuuf humnoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa socho’an hidhachiisuun, lammiilee nagaa akka ajjeefaman fi bu’uuraalee misoomaa akka barbadaa’an gochuuf yaalii guddaa taasisaa turteetti.

Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad dhimma kana ilaalchisee ibsa kennaniin, ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuu fi naannicha jeequuf, loltoonni hedudun leenjifamanii naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti bobbaafamanii turan jechuun dubbatanii turan.

Yaa ta’uutii Itiyoophiyaanonni qormaata keessaa fi alaa dandamachuun, Hidha Haaromsaa dhiigaa fi lafee isaaniin dhugoomsaniiru jedhan.

Yeroo adda addaatti miseensonni fi ergamtoonni tajaajila basaasaa Ijipti Itiyoophiyaa keessatti to’annaa jala ooluun isaanii, Ijipti namoota keessaa qacaruu fi hidhachiisuudhaan Itiyoophiyaa diiguuf yaalaa turuu isheef ragaa ta’uu kaasan.

Kana malees, dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti Itiyoophiyaan liqii fi deeggarsa misoomaa akka hin arganneef dhiibbaa dippilomaasii gochuun, tarsiimoo jeequmsaa kanaa keessaa tokkodha jedhan.

Dhiibbaa guddaa ture keessatti, ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa osoo hin gufatin, hirmaannaa uummataa bal’aan xumuramee ibsaa kennuu jalqabuun tokkummaa fi cichoomina Itiyoophiyaanotaa mul’isa.

Shirri waggoota dheeraa turees ta’ee har’as jiru, boruus itti fufu imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu hin gufachiisu.

Diinonni Itiyoophiyaa hanqinoota jiran fayyadamuun Itiyoophiyaa dirree waraanaa gochuuf shirri xaxan, Itiyoophiyaanonni waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi tokkummaa cimsachuun fashalaaleessuun itti fufa.

Milkaa’inni Hidha Guddicha Haaromsaa, ciminaa fi fakeenya tokkummaa ta’ee dhaloota dhufuuf ni darba.

Hojiiwwan misoomaa gurguddoo akkanaas tokkummaa fi walitti dhufeenya mootummaa fi uummataan ijaaramuu cimsanii itti fufu!

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment