Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 59ffaa taa’een murtoowwan garaagaraa dabarseera.
 
Haaluma Kanaan manni marichaa jalqabarratti kan mari’ate wixinee labsii gurmaa’iinsa, aangoofi hojii qaamolee raawwachiistuu murteessuuf baherratti.
 
Heera mootummaa RDFI fi seera filannoo hordofee Filannoo biyyaalessaa waggaa shan shaniin gaggeeffamu hordofee bu’uura keeyyata heera mootummaa 56’n aangoofi gochaa qaamolee raawwachiistuu haaraa gurmeessuun kan eegamu waan ta’eef, filannoo biyyaalessaa bara 2018 gaggeeffame hordofee qaamolee raawwachiistuu mootummaa federaalaa bifa haaraan hundeessuuf wixineen qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.
 
Manni marichaas wixinecharratti bal’inaan mari’achuun galtee itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbuuf sagalee guutuun murteesseera.
Itti aansuun manni marichaa wixinee labsii bulchiinsa daataa biyyaalessaa irratti mari’ate.
 
Galmoota ce’umsa diijitaalaa milkeessuuf, nageenyaafi birmadummaa daataa mirkaneessuuf, daddabarsa daataa, wal simuu fi irra deebiin itti fayyadama daataa cimsuun tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf, qorannoofi dandeettii kalaqaa hubannoo namtolchee guddisuuf, guddina innooveeshiniifi diinagdee diijitaalaa saffisiisuufi sirna misooma diinagdee daataan hogganamu ijaaruuf wixineen labsii kun qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera.
 
Manni Marichaas wixinicha irratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’ootaaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Manni marichaa itti aansuun kan mari’ate wixinee labsii waliigaltee liqaa SDR miiliyoona 100 fi miiliyoona 45 hojiirra oolmaa pirojektii ammayyeessa boqonnaa jalqabaa riifoormii sektara anniisaafi invastimantiif kan oolu Waldaa Misoomaa Idil-addunyaa waliin mallatteeffame raggaasisuuf qophaa’e irratti.
 
Manni marichaas waliigaltichi imaammata liqaa biyyattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
 
Ajandaa biraan manni marichaa irratti mari’ate danbii fooyyessii gibira galii federaalaa irratti.
 
Danbichi iftoominaafi si’aayina bulchiinsaa gibira galii federaalaa mirkaneessuufi labsii gibira galii federaalaa fooyya’e labsii lakkoofsa 979/2008 waliin akka walsimuuf danbii gibira galii lakkoofsa 410/2009 irra deebiin fooyya’uun barbaachisaa ta’ee waan argameef wixinichi qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.
 
Manni marichaas wixinee danbii kanarratti bal’inaan erga mari’atee booda galteewwan itti dabaluun guyyaa gaazexaa federaalaa Nagaariit irratti ba’erraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
 
Manni marichaa danbii fooyyessii gibira galii dabalataa federaalaa irrattis mari’ateera.
Kanaan dura kaffaltoonni gibiraa tajaajila ogummaafi dhiyeessiiwwan biroo kennaa taaksii tarn Oovarii sassaaba turan taaksiin Tarn Oovarii waan haqameef kaffaltoonni gibiraa kunneen gibira galii dabalataf galmaa’anii taaksicha akka sassaaban gochuuf, taaksiin dhiyeessiiwwan tokko tokkorra kaa’ame dhiyeessiiwwan bu’uuraalee hawaasaaf dhiyaatan fi dorgomtummaa indaastiriiwwan biyya keessaa irratti dhiibbaa kan uume waan ta’eef dhiyeessiiwwan kanneen taaksiirraa bilisa gochuuf fooyyessiin danbii kun qophaa’ee mana marichaaf dhiyaateera.
 
Manni marichaas wixinee danbii kanarratti bal’inaan mari’achuun galteewwan itti dabaluun guyyaa gaazexaa federaalaa Nagaariit irratti ba’erraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
 
Dhumarratti manni marichaa kan mari’ate wixinee labsii labsii Raayyaa Ittisaa irratti.
 
Dhaabbatichi bu’uura heera mootummaa RDFI keewwata 87 ergamawwan biyyaalessaa itti kennaman kara seeraan bahachuu akka danda’uuf labsii Raayyaa Ittisa Biyyaa lakkoofsa 1286/2015 fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef wixinichi qophaa’uun mana marichaaf dhiyaateera.
 
Manni marichaas dhimmicharratti bal’inaan erga mari’ateen booda galteewwan itti dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment