Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC)- Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii idilee 11ffaa marsaa 6ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’ichaan raawwii bara 2018, kan Waajjira Pireezidaantii, Biiroo Oodiitiifi Mana Murtii Waliigalaa naannicha gamaaggamuun kan raggaasisu ta’a.
Dabalataanis muudamoota haaraa kan raggaasisu yoo ta’u, qaamolee raawwii olaanaa galmeessisaniifis beekamtii ni kenna jedhameetu eegama.
Xilaahun Yilmaan.