Finfinnee, Adoolessa 7, 2018(FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii ariifachiisaa 2ffaa bara hojii 5ffaa har’a taa’een wixineewwan labsii waliigaltee liqaa 2 qorachuun raggaasiseera.
Manni Marichaa waliigaltee liqaa mootummaa Itiyoophiyaafi Rippaabilikaa Xaaliyaanii akkasumas Baankii Addunyaarraa misooma waaraafi amansiisaa 3ffaaf Itiyoophiyaaf kennamu, hojiirra oolmaa deeggarsa baajataaf oolu sagalee guutuun raggaasisuun ibsameera.
Mana Marichaatti Ministirri Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigee wayita kana waliigalteen kun Yuuroo miiliyoona 70 ta’uufi kaffaltii tajaajilaa kan hin gaafanne ta’uu eeraniiru.
Waliigalteen liqichaa yeroo afuura fudhannaa waggoota 16 kan qabu yoo ta’u waggaa 30 keessatti kaffalamee akka xumuramu ibsaniiru.
Liqaan kun kallattiin gara baajata mootummaatti kan galu ta’uus kaasaniiru.
Dabalataanis manni marichaa waliigaltee liqaa mootummaa Itiyoophiyaafi Faransaay gidduutti hojiirra oolmaa pirojektii diijitaalaayizeeshinii sirnoota to’annoo ajajaafi bulchiinsa qabeenyaaf ooluuf mallattaa’e qorachuun sagalee guutuun raggaasiseera.
Waliigaltichi deeggarsa faayinaansii Yuuroo miiliyoona 54 fi kuma 600 ta’uu Dooktar Tasfaayee Baljigee eeraniiru.
Waliigalteen liqaa kun yeroo turtii afuura fudhannaa waggoota 10 kan qabuufi waggoota 25 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’uu eeruun, hanga dhalaa gadi aanaa %0.347 akka qabus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia