Maraammartoo Siyaasa Badii ABUT fi Tattaaffii Nagayaa Mootummaa…

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT obsa fi tattaaffii nageenyaa mootummaa cinatti dhiisuudhaan, ammas tarkaanfiiwwan tuttuqqaa waraanaa raawwataa jira.

Gareen kun waggoota aangoo mootummaa dhuunfatee turetti, lammiilee fi dhaabbilee hedduu irratti badii seenaan hin daganne kan raawwate yoo ta’u, biyyattiis kisaaraa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiif saaxilaa tureera.

Garichi tooftaa siyaasaa tarkaanfataa hordofuu fi biyya waloon ijaaruu mannaa, aangoo dhabe humnaan deebisee argachuuf badiiwwan fi tuttuqqaa waraanaa hedduu raawwataa jira.

Onkololeessa 24 Bara 2013 Raayyaa Ittisa Biyyaa kan gaachanaa fi da’oo uummata Itiyoophiyaa ta’e ganuun fi tarkaanfii seenaan hindaganne irratti raawwachuun waraana ifa ta’e saaqee kan ture yoo ta’u, tokkummaa harka Itiyoophiyaaniin kaayyoon isaa fashalaa’eera.

Waraanicha mariidhaan xumuruuf mootummaan tattaaffii nageenyaa hedduu gochuun waliigalteen Piritooriyaa kan ma’lattaa’e yoo ta’u, Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi hojiileen deebisanii dhaabuu akka raawwataman gochuu danda’eera.

Haa ta’u malee, gareen seeraan alaa kun waggoota booda waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa cabsuun, irra deebi’ee gara naannoo lolaatti deebi’uufi ergama diinota seenaa Itiyoophiyaa raawwachuuf dharraa waraanaa jalqabeera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad walgahii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti waa’ee garee kanaa ilaalchisee ibsa kennaniin, mootummaan nageenya waaraatiif jecha tuttuqaa waraanaa lola kaasuu danda’an hedduu obsaan bira dabruu ibsaniiru.

Yeroo ammaa gareen ABUT gara yakka ukkaamsutti cehuu isaa ibsa isaaniitiin kan kaasan Dooktar Abiy, gareen kun dargaggoota Tigraay dirqamaan ukkaamsee gara Sudaanitti gurguraa akka jiru eeraniiru.

Yeroo ammaa guutuu naannoo Tigraay keessatti ukkaamsaan bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu isaa eeranii; kanaan kan ka’es ijoolleen Tigraay yeroo ammaa nagaan jiraachaa kan jiran naannoo isaaniitiin alatti qofa ta’uu ibsaniiru.

ABUT ergama Shaabiyaa fi Ijipti malee yaada mataa isaa hin qabu kan jedhan Dooktar Abiy, birmadummaa fi nageenya waaraa Itiyoophiyaa kan qoru humna kamiyyuu ittisuuf Itiyoophiyaan dandeettii amansiisaa akka qabdu mirkaneessaniiru.

Mikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment