Marii biyyaalessaa hirmaannaa ho’aa lammiileen gaggeeffamaa jiru…

Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Yaa’ii Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’as hirmaannaa ho’aa lammiileen itti fufee oleera.

Komishiniin Maree Biyyaalessa Itiyoophiyaa ergaa guyyaa har’aa dabarseen, murteewwan jajjaboon marii xixiqqaa irraa akka eegalu hubachiiseera.

Guutuun ergaa isaa haala armaan gadiin dhiyaatera.

Yaa’iin marii biyyaalessaa kun, marii garee xixiqqaa keessatti garaagarummaan ilaalchaa itti dhagahamu, yaadotni itti qorataman, gaaffileen gadi fageenyaan itti xiinxalamanii fi waliigalteen obsaan itti ijaaramu waltajjii murteessaadha.

Tokkoon tokkoo mari’ataa sagalee isaa bilisummaan dhageesiisa, yaada namoota biroos kabajaan dhaggeeffata, ilaalchonni garaagaraas sababaa fi ragaan madaalamu.

Waliigalteen adeemsa akkaanaan uumamu ijaarsa mul’ata waloo fi nageenya waaraaf bu’uura ta’a.

Yaadni waltajjii kanarratti dhiyaatu hundi gatii qaba; sagaleen hundi ni dhagahama; mariin hundis boru waliinii ijaaruuf tarkaanfii dabalataa tokkodha.

Waltajjileen kunneen muuxannoowwan, ilaalchaawwan, duudhaalee fi muuxannoo gara garaa bakka tokkootti walitti fiduun, kan gadi fageenyaan itti mari’atamu giddugala yaadaa murteessaa dha.

Hirmaattoonni hundi yaada isaanii bilisummaa fi itti gaafatamummaa waliin dhiyeessu.

Yaada namoota biroo obsaan dhaggeeffata, gaaffilee ni kaasa, ibsa dabalataa ni gaafata, akkasumas yaada ragaa fi sababa irratti hundaa’e dhiyeessa.

Adeemsi kun garaagarummaa akka walitti bu’iinsaatti osoo hin taane, akka carraa wal irraa barachuu fi walii galtee uumuu ta’ee akka ilaalamu gargaara.

Mariiwwan garee xixiqqaa kun marii biyyaalessaaf onneedha.

Yaadni as irratti ka’u kallattii boruu jijjiiruu danda’a.

Waliigalteen as irratti uumamu imala gara fuulduraa waliinii cimsuu danda’a. Sagaleewwan gara garaa waltajjii tokko irratti dhagahamuun gara furmaata waliinii yeroo ga’an, kaayyoon dhugaa marii biyyaalessaa hojii irra ooluu mul’ata.

Mariin biyyaalessaa garaagarummaa jiru mariif dhiyeessuufi waliigaltee waloo kan cimsu imala biyyaalessaati.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment