Marii Biyyaalessaa jalqabbii boqonnaa abdii haaraa…

Yaa’iin Maree Biyyaalessaa kaleessa ifatti eegalame biyyattiin madoo fi muffii barootaaf baattee turte keessaa baasuun boqonnaa abdii haaraa fi bara gaariiti ceesisa.

Waltajjii afaan qawwee olaantummaa yaadaan bakka buusuu fi biyya cimtuu ijaaruuf imaanaa dhalootaa kanaa ta’eedha.

Itiyoophiyaan biyya seenaa dheeraa, boonsaa fi garaa garaa qabdu taatus, tasgabbii dhabuu siyaasaa, garaagarummaa hubannaa seenaa fi walitti bu’iinsa keessoo hedduu dabarteetti.

Waraanni barootaaf yaalamaa ture humnaan injifachuu malee nageenya waaraa fiduu hin dandeenye.

Haa ta’uutii Mareen Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 Finfinneetti eegalame, taatee bara boqonnaa haaraa Itiyoophiyaanonni ilaalcha afaan qawwee fi humnaa dhiisanii olaantummaa yaadaatiin gaggeessan ta’eera.

Aadaa siyaasaa biyya keenyaa keessatti garaagarummaa akka gantummaatti, morkattoota akka diinaatti ilaaluun yaadama diigumsaa uumaa tureera.

Mariin seenaa qabeessi kun garuu lammiilee bilisummaan gaaddisa tokko jalatti akka mari’atan carraa uumuura.

Olaantummaa yaadaa mirkaneessuun ijaarsa sirna diimokiraasii ammayyaa ta’uurra darbee, imala biyyattii gara tasgabbii hin raafamnetti ce’uuf gootuuf bu’uura kan kaa’uudha.

Godaannisa seenaa gara bal’inaan darbuun seenessa waloo egereef bocuuf carraa guddaa dhalootaaf dhufeedha.

Marii guddaa mari’attoonni kumni 4 aanaalee kuma 1 fi 195 keessaa walitti babba’an irratti hirmaatan waltajjii bu’uura ummatuummaa qabuudha.

Biyya bu’ureessuun kan safaramu humna waraanaan osoo hin taane waliigaltee lammiileetiin.

Mareen biyyaalessaa ajandaalee adda bahan saddeettan irratti milkiin erga mari’atamee booda nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf bu’uura cimaa ka’aa.

Qajeeltummaan har’a gaaddisa tokko jalatti mul’atuu fi murtoowwan darban biyya cimtuu fi kabajamtuu ijaarsuuf murteessaadha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment