Mariin Biyyaalessaa hirmaachisummaa, wal dhaggeeffachuu fi furmaata waloof bu’uura cimaa kaa’aa jira – Hirmaattoota

Finfinnee, Adooleessa 21, 2018 (FMC) – Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa amma gaggeeffamaa jiru hirmaachisummaa cimsuun, aadaa furmaata waloo barbaaduu dagaagsuu fi ijaarsa biyyaaf bu’uura cimaa kaa’aa jira jedhan hirmaattoonni marichaa.

Akka yaada hirmaattota kanneeniitti, mariin kun bakka bu’oota hawaasa garaagaraa, naannolee fi dhaabbilee adda addaa irraa dhufan walitti fiduun, garaagarummaa siyaasaa, sabummaa fi amantii yeroo dheeraa ture mariidhaan hiikuu fi waliigaltee irra akka ga’uu kan dandeessisu aadaa biyyaalessaa haaraa ijaaraa jira.

Marii kana keessatti humnoonni kanaan dura wal lolan, paartileen siyaasaa, dhaabbileen amantii, dubartoonni, dargaggoonni, qaama miidhamtootni fi qaamoleen hawaasaa biroon bal’inaan hirmaachuun waltajjichi hirmaachisaa ta’uu agarsiisaa jira jedhan.

Keessumaa namoonni kanaan dura qabsoo hidhannoo keessa turan, qaama miidhamtootni, dubartoonni fi abbootiin amantii dabalatee qaamoleen hawaasaa addaa addaa walqixxummaan galma tokko keessatti taa’anii mari’achuun adeemsa kana daran hirmaachisaa taasiseera jedhan.

Hirmaattoonni yaada isaanii dhiibbaa fi sodaa tokko malee bilisaan ibsachuu danda’uun haalli mijataan uumamuu isaa, yaada, yaaddoo fi fedhii namoota biroo xiyyeeffannaan dhaggeeffachuu, of bakka isaanii kaa’anii hubachuu, wal amanuu fi wal kabajuu akka dagaagu taasisaa jira jechuun ibsaniiru.

Ajandaawwan ijoo saddeet irratti mariin taasifamu kun mootummaa dhuunfaa yookaan garee tokkoo osoo hin taane, mootummaa fi dhaloota dhufuuf faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuun nageenya waaraa, tokkummaa fi ijaarsa biyya cimaa mirkaneessuuf kan akeekeedha jedhaniiru.

Adeemsi kun gaaffilee yeroo dheeraa biyyattii keessa turan mariidhaan furuuf abdii haaraa uumeera. Akkasumas Itiyoophiyaanonni beekumsaa fi muuxannoo ofii isaanii fayyadamuun rakkoo isaaniif furmaata biyya keessaa maddisiisuu akka danda’an karaa baneera jedhaniiru.

Adeemsi Marii Biyyaalessaa garaagarummaa seenaa ce’uun mul’ata waloo ijaaru, nageenya waaraa, tokkummaa fi misooma Itiyoophiyaaf bu’uura kaa’u qofa osoo hin taane, biyyoota Afrikaa biroofiis muuxannoo gaarii ta’uu akka danda’u eeraniiru.

Aadaan wal dhaggeeffachuu, wal obsuu fi murtoo waloo kennuu jalqabame kun gara fuulduraattis akka cimee itti fufuuf lammiileen hundi fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

Comments (0)
Add Comment