Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 38 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee,Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 38 olitti tilmaamaman guyyoota 6 keessatti to’ataman jedhe Komishiniin Gumrukaa.

Waxabajjii 19 – 24, 2018tti sakattoo fi hordoffii gaggeeffameen meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 22.5 olitti tilmaamamanii fi kan karaa seeraan alaa gara biyyoota alaatti bahuuf turan Birrii miiliyoona 16 baasan to’atamuu ibse.

Uffataaleen, Meeshaaleen Elektirooniksii, ijaarsaa, Bunni, midhaan dheedhiin, meeshaaleen qaama jijjiirraa konkolaattootaa fi baalli sammuu namaa adoochu hedduun to’atamuu hime.

Meeshaaleen seeraa alaa kunneen dameewwan to’annoo Gumrukaa Mooyaalee, Buufata Xiyyaaraa Boolee fi Jigjigaatti to’amuu eere.

Namoonni yakkichaan shakkaman 26 fi konkolaattoonni 13 to’annoo jala ooluu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment