Miira haaraan gara boqonnaa haaraatti

Itiyoophiyaan biyya aadaa fi seenaa adda addaa, akkasumas lakkoofsa mataa ishee qabdudha.

Baatii Fulbaanaa keessa Abaaboon miidhagdee Bara Haaraa simatti.

Bara haaraa simachuun gara boqonnaa haaraatti ceetee jirti.

Barri darbes milkaa’inaafi gammachuu guddaadhaan kan yaadatamu waan ta’eef, barri haaraan 2019 ammoo bara addaa taasisuun simatame.

Filannoo waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan xumuruu fi marii biyyaalessaa xumuruun milkaa’ina guddaa galmeessiteetti. Kunis biyyaaf abdii fi egeree fooyya’aa uumeera.

Itiyoophiyaanonni milkaa’ina galmeessaniin nagaa, walta’iinsaa fi tokkummaa isaanii cimsatanii, kutannoo fi injifannoo isaanii hojii irra oolchuun mirkaneessaniiru.

Akka abbaa Injifannoo guddaa taanetti, barri haaraan kun bara guddinaa, badhaadhinaa fi nagaaf boqonnaa haaraa banuudha.

Samiin Itiyoophiyaa nagaa ta’ee, misoomni ishee ol ka’ee mul’achuun, Qonnaan, anniisaa qulqulluu maddisiisuun, tuurizimii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa milkeessuun injifannoowwan gurguddoon galmaa’aan, abdii ifaa boruu labsaniiru.

Birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf hojiiwwan mandhaleen hojjetaman, ce’umsa teeknooloojii fi sochiiwwan misoomaa jireenya lammiilee fooyyeessan, abdii ifaa fi olka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessaa jiru.

Barri haaraan kun injifannoo argame caalaatti jabeessuuf, carraawwan dinagdee jalqabaman saffisa isaa dabaluuf, akkasumas tokkummaa dhalootaa caalaatti cimsuuf bara kutannoo guddaan itti hojjetamuudha.

Moofaa harcaafnee, hamaa gaariidhaan bakka buufnee, miira gaarii fi jaalalaan waggaa haaraa abdii guddaa fi injifannoodhaan simanneerra.

Itiyoophiyaanummaan bu’uura injifannoo waan ta’eef, olka’iinsa biyya fi badhaadhina isheef hundi keenya tokkummaan dhaabbannee, waggaa haaraa kana ifaafi kabajaan haa miidhagsinu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment