Finfinnee, Adoolessa 7, 2018( FMC)- Milkaa’ina yaa’ii marii biyyaalessaa guyyaa boruu eegaluuf qophii gahaan taasifameera jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.
Maarching Baandiin Raayyaa Ittisaa jala bultii Yaa’ii marii biyyaalessaa sababeeffachuun magaalaa Finfinnee Adabaabaayiifi daandiiwwan garaagaraa irratti agarsiisa dhiyeessaa jira.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan wayita kana yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf gaggeessituuf qophiileen barbaachisoon xumuramuun jala bultii irratti argamna jedhan.
Yaa’ii seena qabeessa kanarratti hirmaattonni kutaalee hawaasaa garaagaraa bakka bu’an kumni 4 ol dhimmoota waloo biyya isaaniirratti bal’inaan akka mari’atan ibsaniiru.
Yaa’ii seena qabeessa biyya bu’uura cimaarratti ijaaruuf gaggeeffamu kanarratti mari’attoonni dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessuu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia