Ministirri Muummee Maaleezyiyaa paartii Badhaadhinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee,Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Aniwaar Ibraahiim paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuu keessaniif baga gammaddan jedhan Aniwaar Ibraahiim ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Seenaa hoggantoota Maaleezyiyaa keessatti hogganaa yeroo jalqabaaf Finfinneetti daawwannaa hojii taasisan ta’uu himuun, simannaa ho’aa taasifameefitti daran gammaduu ibsan.

Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin marii taasisuus eeraniiru.

Marii kanaan biyyoonni Kibbaa guddachaa jiran walqixxummaa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uurratti mari’achuu kaasan.

Maaleezyiyaan tumsa biyyoota Afrikaa waliin qabduuf Itiyoophiyaan daran murteessituu ta’uu eeruun, tumsa kanneen cimsuun mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii olaanaan jiraachuu himan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment