Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC) – Misooma baadiyyaatiin ilaalcha qonnaan bulaa jijjiiruun jireenya ammayyaa akka jiraatuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban miseensonni Caffee Oromiyaa hunachiisan.
Miseensonni Caffee Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumee ganda Dhakaa Booraa, Kaarraa fi Tulluu Re’ee keessatti misooma ganda Haaromee daawwataniiru.
Miseensi Caffee Obbo Hayiluu Diisaa akka ibsanitti, haala jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu fi jijjiiruuf hojiin misoomaa ganda Haroomeetti jalqabame haala gaarii irra jira.
Hojiin misooma ganda Haaroomee iddoo tokkotti bu’uraalee misoomaa guutuu akka argatan gochuun qonnaan bulaan jireenya ammayyaa akka jiraatuu fi fayyadamummaan isaa akka mirkanaa’u kan gargaare ta’uu dubbataniiru.
Malleen ammayyaatiin iddoo jireenya namaa fi horii kan gargar baase, tajaajiloota barnootaa, fayyaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii fi tajaajila elektriikaa iddoo tokkotti argachuun danda’amuun isaa jireenya qonnaan bulaa baay’ee kan jijjiiru ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bulaan jireenya gaarii akka jiraatu gochuun galma badhaadhina maatii mirkaneessuuf karoorfame kan milkeessu ta’uu kan ibsan immoo miseensa Caffee kan biraa Obbo Huseen Guutuu ti.
Jijjiiramni guddaan misooma ganda Haaroomee keessatti argame gara naannolee birootti babal’atee qonnaan bulaan akka fayyadamu gochuuf gahee isaanii akka ba’an ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia