Misoomaa fi namummaa tajaajila tola ooltummaatiin…

Tajaajilli Tola ooltummaan Itiyoophiyaa badhaate ijaaruu keessati qooda olaanaa qaba.

Tajaajilli tola ooltummaa aadaa balaawwan uumamaa fi namtolchee waltumsuu fi yaaliif yaaduun guyyaa rakkoo waloon ce’uuti.

Itiyoophiyaatti erga tajaajilli tola ooltummaa gannaa fi bonaa eegalee abbootiin qabeenyaa, dargaggoonnii fi ummanni biyyattii hundi humna, maallaqaa, yeroo fi beekumsa isaanii gumaachaa jiru.

Maaddii qooduun, mana ijaaruun, dhiiga gumaachuun, meeshaalee barnootaa deeggarsa taasisuu fi hojiin eegumsa naannoo hojjetaman jireenya lammiilee hedduu jijjiiraniiru.

Kunis yeroo ammaa ajandaa misoomaa fi namummaa ta’eera.

Tajaajilli Tola Ooltummaa lammiilee Itti gaafatamummaa beeku horachuurratti gahee olaanaa bahataa jira.

Dargaggoonni hawaasa afaanii fi aadaa adda addaa qaban keessatti hojii tola ooltummaa kan hojjetan yoo ta’u, bakka jiraataniin alatti naannoo biroo illee deemuun hojjetaa jiru.

Kunis hawaasa gidduutti hariiroo cimaa uumuuf ni gargaara.

Kaka’umsi sadarkaa olaanaa dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa keessatti mul’isan kun rakkoo hawaasummaa, dinagdee fi naannaawaa furuuf dandeettii qabaachuu agarsiisa.

Tajaajilli Tola Ooltummaan faayidaalee hawaasummaa fi diinagdee qabu dabalataan hawaasa tasgabbii qabu ijaaruuf gargaara.

Tigist Gizaachootiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment