Finfinnee, Caamsaa 9, 2018(FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa walitti dhufeenya naannolee gidduu jiru cimsuu irratti invastimantii guddaa taasisuu cimsee itti fufa jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Sihimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, har’aa magaalaa Asoosaatti, Pirezidaantoota naannolee Beenishaangul-Gumuuz Obbo Ashaadilii Hasan fi Gaambeellaa Dooktar Gaatiluwaaki Roon waliin ta’uun, Waajjira Muummee Qindeessaa Nageenyaafi Misoomaa waloo naannoolee sadanii eebbisiisuu eeraniiru.
Ergaa isaaniin kanaan, ”Carraa kanaan ummattoonnifi firoonni nageenyaafi misooma biyya keenyaa hundi baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada” jechuunis ibsan.
Waajjirri qindeessaa kun nageenya waaraa, misooma waloofi hariiroo ummataa cimaa uumuu keessatti gahee ol’aanaa akka qabus hubachiisaniiru.
Waajjirichi guutummaatti baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa birrii mil. 300 oliin kan ijaarame ta’us kaasaniiru.
Rakkoolee nageenyaa mariin furuuf, koreewwan waloo daangaa qaxxaamuran hundeessuufi hawaasni nagaan akka ba’ee galu, omishu, daldaluufi waliin jiraatuuf haala mijataa uumuuf akka galmaafi riqicha murteessaatti kan tajaajilu ta’uus hubachiisaniiru.
Dargaggoota leenjisuu, qophiilee ispoortii waloo qopheessuu, akkasumas hawaasummaa cimsuufi tokkummaa ummata naannolee keenya gidduutti amantaa dhaabbilee caalaatti gadi fagoo ta’e kan kaa’uudhas jedhan.
Biyyi keenya qabeenya umamaa dilaafi dilbii, akkasumas carraawwan hedduun kan eebbifamteedha kan jedhan obbo Shimallis, egereen badhaadhina ummattoota biyyattii misoomafi nageenya waloo irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Waajjirri tokkummaafi badhaadhina Itoophiyaaf bu’uura cimaa ta’e kunis, ijaarsa federeeshinii biyyattiif utubaa akka ta’e addeessaniiru..
Gama misoomaatiin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa walitti dhufeenya naannolee gidduu jiru cimsuu irratti invastimantii guddaa taasisuu cimsee itti akka ittifufuus cimsanii hubachiisaniiru.
Armaan dura pirojektoota Ijaarsa Daandiifi Manneen Barnootaa Ifa Boruu naannolee Gaambeellaafi Beenishaangul-Gumuuz keessatti raawwatameen, naannooleen lamaan obbolummaa ummata keenya cimsuuf, aadaafi afaan keenya afaan barnootaa taasisuurratti sochii cimaa keessa galaniiru jechuunis hubachiisaniiru.
Hojiileen kunniin kutannoo walhubannoo, hariiroo hawaasummaafi obbolummaa hinreeqqifne saboota biyya keenyaa waliin qabnuufi tokkummaa dhalootaa tiksuuf qabnuuf ragaa dha jedhan.
Hojiin ijaarsa biyyaas obbolummaa sabootaafi ummattoota biyya keenyaa bu’uuraalee misoomaa hidhata hawaas-dinagdee cimsaniin deeggaramuu akka qabu hubachuun akka ta’e eeraniiu.
Bulchiinsi naannichaas, ummanni rakkinaafi qormaata waliin dabarse waliin badhaadhuuu qaba jedhee kan amanu ta’uu ibsan.
Humnoota garaagarummaa fayyadamuun jeequmsa uumuuf yaalan tokkummaan injifaneerra kan jedhan obbo Shimallis, yeroo dhufuttis caalatti, dhimmoota waloo nageenyaa, michummaafi badhaadhina waaraa ummata keenyaa cimsinee ittifufuuf waadaa obbolummaa seenna jechuun hubachiisan.
Dhumarrattis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hojiilee misoomaafi hawaasummaa hidhata ummattootaa cimsuu danda’an kamuu Mootummoota naannolee hafan hunda waliin qindoominaafi tumsa walootiin hojjechuuf qophii ta’uu maqaa isaaniifi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia