Naamuusni paartileen dorgomtootaa agarsiisan filannichi karaa nagaan akka xumuramuuf dandeessiseera- Mana Marichaa

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018(FMC)- Naamuusni gaariin paartileen dorgomtootaa agarsiisan filannichi karaa nagaan akka xumuramuuf dandeessiseera jedhe Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Magaalaa Finfinnee.

Manni marichaa filannoon waliigalaa 7ffaan nagaan xumuramuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Paartii filannicha injifate Paartii Badhaadhinaa fi paartilee siyaasaa filannichaan dorgomuun teessoo mana maree argataniin baga gammaddan jedheera.

Kana malees paartilee siyaasaa filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf fi aadaan siyaasaa biyyattii akka guddatuuf qooda isaanii bahatan galateeffateera.

Naamuusa paartilee siyaasaa mana marichaa jalatti socho’anis ta’e paartilee dorgomtootaa hundi agarsiisan kan dinqisiifatamu ta’uu eeruun, adeemsi ammayyaa kun dirree bal’aa uumuurra darbee adeemsi isaa karaa nagaa qabeessa ta’een akka xumuramuuf qooda olaanaa bahachuu ibseera.

Sagalee uummanni Itiyoophiyaafi jiraattonni magaalichaa karaa bilisaa fi nagaa qabeessa ta’een kennan onnee guutuun fudhachuun kabaja olaanaa fi beekamtii sagalee uummataaf qabnu ni mirkaneessina jedhe.

Boqonnaan filannoo milkaa’inaan xumuramus ijaarsi biyyaafi tajaajilli uummataa itti gaafatamummaa waloo walitti fufiinsa qabu waan ta’eef hojiileen cimanii itti fufuu akka qaban eereera.

Tattaaffii paartiin injifate Paartiin Badhaadhinaa nageenya, misoomaafi bulchiinsa gaarii biyyaafi magaalaa keenyaa mirkaneessuuf taasisu irratti manni marichaa dammaqinaan hirmaachuun waloon hojjechuuf qophiidha jedheera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment