Naannolee garaagaraatti meeshaaleen filannoof oolaan raabsamaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Naannoo Somaalee fi Kibba Itiyoophiyaatti meeshaaleen Filannoo waliigalaa 7ffaaf oolaan raabsamaa jiru.

Naannoo Somaaleetti buufataalee filannoo hundatti meeshaaleen filannoof oolaan raabsamaa jiru.

Akkasuma naannoo Kibba Itiyoophiyaattis meeshaaleen filannoo waliigalaa 7ffaaf oolaan raabsamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Filannoo naannichaa obbo Abrahaam Anjuuloon ibsaniiru.

Filannoo Wiixata dhufu gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu taasifamuu dubbatan.

Akka naannichaatti naannoon filannoo 56 buufataaleen filannoo kumni 3 fi 941 kan jiran yoo ta’u, buufataalee hundaaf meeshaaleen raabsamaa jiraachuu kaasan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment