Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Naannoo Harariitti meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jiru.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffama.
Filannichaaf qophiileen barbaachisan kan taasifaman yoo ta’u, buufataalee filannootti hojiin meeshaalee filannoo waliin gahuu hojjetamaa jira.
Naannoo Harariittis meeshaaleen filannoo buufataalee filannoof raabsamaa jiraachuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Waajjira Filannoo Damee naannichaa obbo Geetaachoo Boggaalaan ibsaniiru.
Buufataalee filannoo hundatti milkaa’ina kenniinsa sagaleef qophii gahaan taasifamuus eeraniiru.
Waraqaa sagaleen ittiin kennamu dabalatee meeshaaleen filannoof barbaachisan biroon gara buufataalee filannootti raabsamaa jiraachuufi Boordichi haala qindaa’aa ta’een hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Meeshaaleen kunneenis of-eeggannoon fi haala nageenyummaan isaa eegameen geejjibsiifamuun gara buufataalee filannootti raabsamaa jiru jedhaniiru.
Naannichatti Wiixata dhufu naannolee filannoo 3 fi buufataalee filannoo 296’tti sagaleen akka kennamu eeruun, lammiileen kaardii fudhataniif gatii kennuun akka ittiin murteessan hubachiisuu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia