Finfinnee, Adoolessa 16, 2018(FMC) – Gaanfa Afrikaatti ummata baay’ee, seenaa dheeraa fi qabeenya uumamaa bal’aa qabaachuu fi iddoo tarsiimawaa addunyaa irratti argamuun ishee iji addunyaa Itiyoophiyaa irra akka ta’u dirqisiiseera.
Sababa kanaan nageenya, dinagdee, diplomaasii fi walitti hidhamiinsa naannichaa keessatti gahee isheen qabdu olaanaa dha.
Ga’ee biyyattiin akka naannawichaa fi akka ardiitti qabdu kallaattii adda addaan ibsamuu danda’a.
Itiyoophiyaan gama nageenyaan sochii shororkeessummaa ittisuu, nageenya daangaa eeguu fi hojii nagaa buusuu keessatti hirmaannaa bal’aa akka gootuuf humni ittisaa cimaan qabdu ishee gargaareera.
Rakkoolee keessoo fi alaa dandamattee Nageenya ishee eeggattee turuu danda’uun ishees ofirra darbitee nageenya biyyoota ollaa keessattillee ga’ee olaanaa taphachuu ishee dandeessiseera.
Gama Dinagdeenis Itiyoophiyaan biyyoota guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa tarree jalqabaa irratti ramadamuu dandeesseetti. Guddiinni finagdee kunis gabaa bal’aa uumeefii jira. Kanaanis walitti hidhamiinsa daldalaa, bu’uuraalee misoomaa, ibsaa elektirikii fi geejjibaa cimsuun guddina naannawichaa deeggaruu dandeeseetti.. Pirojektoonni akka madda humna ibsaa, daandii geejjibaa fi walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa biyyoota ollaa waliin hariiroo dinagdee ishee cimsaniiru
Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu isheetiinis Itiyoophiyaan giddugala diplomaasii Afrikaa taateetti. Marii nageenyaa, araaraa fi tumsa naannawaa keessatti gahee olaanaa taphachuun walitti dhufeenya biyyoota Gaanfa Afrikaa cimsuuf carraa guddaa argatteetti.
Mootummaan jijjiiramaas biyyattii rakkoo keessaa baasee tarsiimoo dippiloomaasii haaraa diriirseen ga’ee ishee kana sonaan akka ba’attu dandeessiseera.
Dameewwan akka humna ibsaa, geejjibaa, daldalaa fi misooma bishaanii irratti biyyoota ollaa waliin hojjechuunis walitti hidhamiinsa naannawichaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qabdi.
Ga’ee tarsiimawaa biyyattiin naannawicha keessatti qabdu kana kan taa’anii ilaaluu dadhaban Ijiptii fi faradoon ishee keessaa fi alaas imala ishee gufachiisuuf shira xaxuun tattaaffi ekeraa tattaafachaa jiru.
Rakkoolee nageenyaa fi walitti bu’iinsa uumuun tasgabbooftee imala akka itti hinfufneef karaa danda’an hunda dhama’aa jiru.
Fedhinn biyoonni jajjaboon addunyaa naannawicharraa qabanis qoramaata guddina ishee dura dhaabbachuuf yaaluu dha.
Ga’een tarsiimawaa naannawicha keessatti qabdu kun shira humnoota badiin akka hingufanneef biyyattiin tarsiimoowwan adda addaa diriirsuun ga’ee ishee kana calmaatti cimsuuf hojjechaa jirti.
Tarsiimoowwan kanneen keessaa tokkummaa Biyyaaleessaaf tarkaanfiiwwan fudhachaa jirtu kan jalqabaa ti. Marii biyyaaleessaa geeggeessuun, olaantummaa seeraa, haqaa fi walqixxummaa cimsuun nageenya waaraa ijaaruuf tarkaanfileen fudhachaa jirtuu fi bu’aaleen galmaa’aa jiran kanaaf agarsiiftuu dha
Omishaa fi oomishtummaa guddisuu, carraa hojii uumuu, invastimantii jajjabeessuu fi walitti hidhamiinsa daldalaa naannawichaa babal’isuun humna dinagdee cimsuun tarsiimoo gama dinagdeen hojiirra oolchaa jirtuu dha.
Gama dippilomaasiinis rakkoolee biyyoota ollaa waliin marii fi waliigalteen hiikuun, tumsa naannawaa cimsuun faayidaa waloo mirkaneessuu irratti argamti.
Pirojektoota humna ibsaa, bishaanii, daandii fi geejjibaa waloo irratti hojjechuun hariiroo biyyoota naannawichaa waliin qabdu cimsuuf tarkaanfileen fudhachaa jirtus walitti hidhamiinsa naannawichaa akka jabeessituuf gargaareera.
Gama nageenya naannawaa tiksuutiinis shororkeessummaa, daldala seeraan alaa fi yakka daangaa ce’u ittisuuf mootummoolee nannawichatti argaman waliin qindoominaan hojjechuun bu’aa qabatamaa argamsiisteetti.
Walumaagalatti, “Saroonni dutanis, Gaalli deemsa isaa ittuma fufa” akkuma jedhamu sana, diinonni seenaa fi baandonni imala biyyattii gufachiisuuf abjuu hiika hinqabne abjootnis, Itiyoophiyaan ofirra darbitee Gaanfa Afrikaa keessatti gahee olaanaa gama tasgabbii siyaasaa, guddina dinagdee, diplomaasii fi tumsa naannawaa babal’isuun qabdu daran guddistee itti fufteetti.
Qormaatilee jiranis marii, waliigaltee, misooma waloo fi dippilomaasii gaarii irratti hundaa’uun furuuf hojjechaa jirti.
Kanaanis nageenya, tasgabbii fi badhaadhina Gaanfa Afrikaa keessatti utubaa cimaa taatee itti fufti.